Gaazexessaa seenaa dubartii gareen gudeedamuun ajjeefamtee gabaasuuf yaaluun hidhame

Maxxanfame

Baatii Onkolooleessaa bara kanaa ture kanan gara Kaaba Hindi Bulchiinsa Piraadeshiitti imale ture.

Sababii inni guddaan gara sanatti imaleef dhimma dubartii gudeedamuun ajjeefamtee tokko ilaalchisee gad fageenyaan gabaasa hojjachuuf ture.

Guyyoota muraasaan dura shammarreen waggaa 19 dhiiroota afur kan warra jireenya garii jiraatanii ta'aniin gudeedamuun ajjeefamte turte.

Guddeeddiifi ajjeechaan kunis mandara jireenya gaarii jiraataniifi Haatiraas jedhamuutti ture.

Shamarreen tunis haala sukkanneessaa ta'een erga ajjeefamteen booda beekkamtii maatii malee haaluma aadaa Hindiitti reeffishee gubachuun akka daaraatti akka bitinfamu taasifamunsaa ijoo dubbii midiyaalee addunyaa ta'e ture.

Naannichas qaqabee maatii gaddaan guutameen argadhe. Maatii, firoonniifi ollaan shammarree kanaas bareedina, ija laaffummaafi dheerina rifeensa ishee himu.

Akkasumas tibba gudeedamtetti reebicha qaamasheerra gahefi erga ajjeefamteen booda poolisoonni qorannoo tokko malee maaliif akka awwaalamtu akka barbaadanii fi mootummaanis maaliif dhimmicha aguguu akka barbaade natti himan.

Gaman ani naannicha gahettis gaazexessaan gannaa 41fi afaan Maalaayaalaamiin hojjatu tokko gara sana dhufaa ture.

Gaazexessaan kunis akkuma kiyyaa waa'ee shamarree kanaa irratti gabaasuuf magaalaa guddoo Dalihiidhaa ka'ee ture. Imalli isaa garuu akkuma kiyyaa hinmijanneef ture.

Mandara Haatiraas jedhamtu qaqabuuf km 42 wayita hafuu inniifi namoonni biraa sadii to'annoo jala oolfaman. Ergasii guyyoota 150 ol dabarsaniiru.

Siidiihiike Kaappaan guyyaa to'annaa jala oolfametti uleen reebameera, poolisoonni irra deddeebiin kabalaniiru, akkasumas alkan guutuu osoo hinrafiin gaaffii irra akka bulee maatiifi abbookaatoonni isaa ni dubbatu.

Gaazexessaaan kunis dhukkubsataa shukkaaraa ta'ulleen qoricha akka hinfudhanne dhorkameera.

Poolisiin gama isaatiin waan jedhamu kana irratti hinraawwannee jechuun waakkateera.

Siriiyyu gaazexessaan kan to'atame gara mandarichaa imaluun gareewwan hawaasaa garaa garaa jidduutti hokkara kaasuuf karoorsee waan tureef jechuun tarkaanfiichi seera kabachiisuudhaaf ta'u beeksiiseera poolisiin.

Namoonni isa waliin konkolaataa keessa turan sadiis himannaa walfakkaatuun yakkaman.

Namoonni sadan kunneenis dhaabbata 'Popular Front of India' jedhamuufi sochii islaamaa cimaa gaggeessuu waliin hidhata qabu jedhaman.

Kana malees Siidiihikeen gaazeexaa cufame irran hojjadha jechuun waliin dhaheera jechuun himatan poolisoonni.

Waldaan Gaazexessitoota Keeraalaa, abukaatoon gaazexeessaa kanaafi PFI himannaa poolisii kanaan walii hingalan.

Waldaal gaazexessitootaa Siidihiikeen oggansaa itti ta'e gama isaatiin poolisiin ibsa 'gonkuma soba' ta'e baasuun himachusaatiin alatti, hidhamuun isaa seeraan ala jedheera.

Waldichi akka jedhuutti gaazexessaan kun gara naannichaatti kan imalee gabaasaaf. AKka hidhaarra hiikamuufis mana murtii waliigalaatti mallattoo mormii galfateera.

Midiyaan Siidiihiikeen hojjatuu 'Azi'iimukaam' gama isaatiin gaazexeessaan kun hojjataa isaanii ta'uufi gara naannichaatti kan imalees hojiif ramadamee ta'u ibsa baaseera.

Gaazexessaa Siidiihiikeen fi abukaatoon waldaa gaazexessitootaa bakka bu'an Wiilsi Maatiiwos, maamilli isaa yakka salphaan himatamufi kan mirga wabii isa hindhorkine ta'u BBCtti himee ture.

Haata'u malee erga gaazexessaan kun to'annaa jala oolfame guyyoota lamaan booda ammoo himannaa farra shororkeessummaatiin himatame. Kanaanis wabiin bahu hindanda'u.

Abukaatoon isaa garuu ''inni guutummaa guutuutti gaazexessaa walabaatii'' jedha.

Kana malees, ''namoota konkolaataa keessa turan waliin imaluunsaa balleessaa qaba hinjechisiisu'' jechuun mormu.

''Gaazexeessaan tokko namoota kallattii jireenyaa garaa garaa irratti argaman wal quunnamsiisa. Kunis namoota yakkaan himataman hammachu danda'a. Namoota yakkaan himataman waliin argamanuun ammoo nama hisiisuu hindanda'u,'' jedhu abbukaatoo Wiilsi Maatiiwos.

Gaazexessaan kunis erga hidhamee tobaniin booda namni kamu akka hinargine taasifamu ragaan mana murtii ni mul'isa.

Maatii isaatti bilbilachu kan danda'e erga to'atamee guyyoota 29n booda ture. Haadha warraa isaas guyyoota 34 booda bilbilaan dubbise. Hanga guyyaa sanaattis lubbun jiraachu isaa maatiin hinmirkanneeffammee ture.

Abukaatoon isaa erga mallattoo mormii mana murtii waliigalaatti galfataniin booda hidhamee guyyaa 47 booda dubbisu danda'an.

Dhiheenya kana ammoo gaazexessaan kun haadha isaa garmalee dhukkubsatan akka gaafatuuf mana murtii walii galaa guyyoota shaniif wabiin akka bahu taasisee ture.

Guyyoota kanneen keessattis poolisoota jaha kanneen Utaar Piraadesh irraa dhufaniifi eegumsa poolisoota federaalaa jala ture.

Dowwannaan gaazexeessaan kun haadha isaa biratti taasisee kan sodaan guutame akka ture haati warra isaa ni himti.

''Haalli fayyaa haadhasaafi nutis galii dhabuun wal qabatee carraa ijoollee isaa sadanii baayyee isa dhiphisa.'' jetti.

Abbaan warraashee dogongora omaa akka hinhojjanneefi kan irratti xiyyeefatame waan Isilaamaa ta'eef qofaa ta'u himti.

Irra deebiin akka foon qotiyyoo nyaatee poolisootaan gaafatamee ture jetti haatiwarraa isaa. Hordoftoota manataa Hinduu biratti qotiyyoofi saawwii akka qulqulluutti waan ilaalamuuf, dhiheenya keessa hordoftootni amantaa Isilaamaa foon qotiyyoo nyaachu isaaniitti irratti xiyyeefatameera.

Akkasumas biyyattii keessatti barsiisaa amantaa Isilaamaa wal morkisiisaa ta'e Dr Zaakiir Naayik waliin yeroo meeqa akka wal argee poolisoonni irra deebiin gaafachu isaanii haati warraasaa ni dubbatti.

Barsiisaan amantaa Dr Zaakiir Naayiik bakka jireenyaa isaanii Maaleeshiyaa keessa kan taasifatan yoo ta'u, haasaa jibbiinsaafi dadabarsuu maallaqaa seeraan alaatiin himatamaniiru. Doktar Zaakiir garuu himannaa kana hinfudhatan.

Gaazexessaan kunis maaliif hawaasaa Isilaamaa sadarkaa jireenyaa gadaanaa irratti argaman fi Daaliit jedhaman waliin walitti dhufeenya cimaa akka qabaate poolisootaan irra deddeebiin gaafatamusaa haatii warraasaa himte jirti.

Hawaasni Daaliit kunis kan hinxuqamne (untouchable) jedhamuun waamamu.

Mana murtii waliigalaatti abukaatoo olaanaa kan ta'an Abhiilaash Emi'aa akka natti himaniitti ''hidhaan gaazexeessaa kanaa kan farraa Isilaamaa waliin wal qabateedha kan jedhuun fudhadha,'' jedhan.

Waa'ee hidhaa gaazexessaa itti dhiheenyaan hordofaa kan jiru yoo ta'u, haalichas haleellaa siyaasaati jedheera.

Akkasumas ''mirgoonni bu'uuraa gaazexessaa kanaas sarbamaniiru'' jechuun mormu.

Qeeqxoonni hedduunis bulchiinsa Utaar Piraadeshiin komataa jiru. Keessattuu hordoftoota manataa isilaamaa irratti xiyyeeffachuufi oggansa monoksee Hinduu wal falmisiisaa ta'an Yoogii Adiitiyaanaatiin walqabatee bulchiinsiichi qeequumsa olaanaa keessummeessaa jirti.

Yoogii Adiitiyaanaa Hindiyaa keessatti adda qoodiinsaafi nama siyaasaa lola kaasuun beekamu yoo ta'u, keessattuu tibba duula filannootti haalawwan faallaa isilaamaa kaasuun himatama.

Bulchiinis isaatiis ta'e humni poolisii naannichaa dhimma shamarree humnaan gudeedamtee ajjeefamteen wal qabatee addunyaarraa komii kessummeessaniiru.

Keessattu aanga'oonni hayyama maatii ishee oso hinargatiin fi midiyaa fageessuun alkaniin akka awwaalamtu taasifamuun gaaffiileen hedduun akka ka'an taasiseera.

Guyyoota shamarreen sun itti ajjeefamteen booda hirriirrii mormii guutuu Hindiyaa sochoosee gaggeeffameera.

Humnootiin nageenyaa bulchinsiichaa hiriirtoota maatii shamarree miidhamtee tasgabbeessuuf deeman reebuusaanitiin walqabatees komii olaanaan irratti ka'ee ture.

Namoota pooliisiin miidhaman keessattis aanga'oonni paartii mormituu ni argamu.

Haata'u malee bulchaan bulchiinsichaa duulli maqaa balleessoo addunyaagaggeeffamaa jira jechuun komatanii turan. Namoota badhaadhina bulchinsa sanaa jibeetuu kanatti fayyadamas jedhan.

Qaamooleen mirgoota namoomaatiif falmani hedduunis, Indiyaan biyya gaazexessitootaaf yaaddoo taatee jechaa jiru.

Bara darbees dhaabbanni haala gaazexessitootaa gamagamu 'World Press Freedom Index' biyyoota 180 keessaa Hindiyaa sadarkaa 142 irra kaa'eera.

Bara kanattis gaazexessitoonni mormii qonnaan bultootaa Deelihii gabaasan saddeet irratti himannaan yakkaa banameera.

Keessattuu haalli kun gaazexessitoota dubartootaafi hordoftoota amantaa isilaamaa irratti kan cmu yoo ta'u, midiyaalee hawaasummaa irratti komii olaanaa kessuummeesseera.

Abhiilaash akka jedhuutti, poolisiin gaazexeessaa Siidiihaakee irratti ragaa kamuu dhiyeessuu hindandeenye.

Abbukaatoon gaazexessaa kanaas ''hidhaan isaa kan nama biraatiin adda'' jedhu. Sbabiinsaas ''midiyaa callisiisuu jechuun dhuma dimokraasiitii'' jedhu.