Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namichi kaasseettii teeppii kalaqe Luu Ootens du'aan boqote
Hedduun keessan kaasseettii teeppii ijoollummaan ittiin muuziqaa dhaggeeffachaa turtan ni yaadattu. Eenyu akka kalaqe garuu yaaddanii hin beektan ta'a.
Injinariin lammii Daach kaasseettii teeppii kalaquun muuziqaaf gumaacha guddaa godhe Luu Ootens ganna 94tti du'aan boqote.
Baroota 1960 keessa erga kalaqame as kaasseettiinn biliyoona 100 ta'u guutuu addunyaatti gurguramuu akka hin oolle tilmaamama.
Kalaqni injinarii lammii Daach kun akkaataa namootni hedduun muuziqaa itti dhaggeeffatan jijjiireera.
Luu Ootens Sanbattan darbe magaalaa Duwizel keessatti du'aan boqochuu maatiin isaa Kibxata beeksisan.
Luu Ootens dhaabbata meeshaalee elektirooniksii omishu Filiips keessa hojjetaa ture.
Boodarra Luu Ootens CD ykn 'Compact Disk' tolchuu keessattillee qooda qaba. Hanga ammaa CD biliyoona 200 ol addunyaarratti gurgurameera jedhamee tilmaamama.
Luu Ootens bara 1986 soorama bahe.
Amma erga CDn kalaqamee as kaasseettii fayyadamuun waan hafe isinitti fakkaachuu mala.
Haa ta'u malee waggoota muraasa darban gurgurtaan kaasseettii dabaleera. Artiistonni bebbeekamoon hedduun akka 'Lady Gaga' fi 'The Killers' albama isaanii kaasseettiin maxxansiisan.
Akka kaampaniin UK tokko jedhutti bara 2020 keessa gurgurtaan kaasseettii dhibbeentaa 103n dabaleera.
US keessatti ammoo gurgurtaan kaasseettii bara 2018 dhibbeentaa 23n ture kan dabale.