Doonaald Tiraampi yaada paartii siyaasaa haaraa hundeessuu dhiisuu isaa hime

Doonaaldi Tiraampi erga Waayit Haawusii bahanii konfiransii CPAC irratti yeroo jalqabaaf dubbii taasisan, Orlaandoo, Filooriidaa, Guraandhala 28,2021

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Doonaaldi Tiraampi erga Waayit Haawusii bahanii konfiransii CPAC irratti yeroo jalqabaaf dubbii taasisan
Maxxanfame

Doonaald Tiraampi sagalee Rippaabilikaanotaa waan addaan qooduuf karoora paartii haaraa jalqabuu hinqabu jedhan, konfiransii waarra aadaa cimsan (conservatives) Filooriidaatti taa'ame irratti.

Erga Jooy Baayiden pirezidaantii tahanii dubbii yeroo jalqabaaf dubbatan irratti bara 2024 irra deebiin pirezidaantummaaf akka dorgomuu danda'an akeekaniiru.

Tiraampi imaammata Ameerikaa Joo Baayiden, ''Jalqaba Ameerikaa irraa gara dhumarra Ameerikaatti [America first to America last]'' jedhutti jijjiirame jechuun qeeqan.

Tiraampi dubbii kana kan taasisan qorannoo fonqolcha aangoo isaan irratti taasifame irraa bilisa tahuun isaanii erga ibsamee torban booda.

Konfiraansii leellistoota sirnaa 'Conservative Political Action Conference (CPAC'] Orlaandootti taa'ame irratti argamuun isaa ammayyuu paartii Rippaabilikaanotaa keessatti dhiibbaa uumuusaa itti fufuu agarsiisa.

Deeggartootni Tiraampiin yeroo simatan, Konfiraansii CAPC Orlaandootti taa'ame Guraandhala 28.2021

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Deeggartootni Tiraampiin yeroo simatan

Miirri konfiraansichaa gaafa Kamisaa akkuma eegaleenuu deeggarsa Tiraampi guddaa qabaachuu kan agarsiisu yoo tahu, namootni isaaf amanaman kan akka senaatera Teksaas Teed Kiruz fi ilma isaa Doonaaldi Jr irratti argamaniiru.

Pirezidaantiin duraanii kun miidiyaa hawaasaa akka Feesbuuk fi Tiwiiterii irraa hookkara Amajji darbe Kaappitol Hiilitti kennan irraa kan ka'e akka hin fayyadamne dhorkamaniiru.

Erga Waayit Haawus gadhiisanii riizoortii 'Mar-a-Lago' Filooridaa bakka kilabni golfii isaanii jiru keessa jiraachaa jiru.

Tiraampi maal jedhe?

Manguddoon ganna 74 kun yeroo hoteela Haayat Rejensiitti waltajjii irra bahanii sa'aa tokkoo ol dubbatan, deeggartoota isaanii irraa simannaa ho'aa argataniiru.

''Har'a isin dura dhaabbachuun koo, imalli dinqisiisaan waggaa afur dura waliin eegalle sun akka hin xumuramne labsa,'' jedhan.

Har'a sa'aa booda kana kan asitti walitti qabamneef waa'ee fuulduree keenyaa irratti haasa'uufi- sochii fuulduraa, fuulduree paartii keenyaa, fi fuulduree biyya keenya jaallatamtuu.''

Yaada paartii haaraa hundeessuu jedhu ilaalchisee ''oduu sobaati''' jechuun deebisan.

''Gaarii isinitti hin fakkaatuu? Koottaa paartii haaraa hundeessinee sagalee keenya akka qoqqoodamu goonee filannoo tasuma hin mo'annu,'' jechuun qoosan.

''Paartii Rippaabilikaanii qabna. Tokkummaa'uun isa duraa caalaa jabaachuuf deema.''

Filannoo pirezidaantummaa ji'a Sadaasaa mo'amuun hookkara Kaappitol Hiilitti ka'een haa qeeqamu iyyuu malee, bakkeewwan deeggarsa bu'uura qabutti ammayyuu baay'ee jaalatamaa akka tahe gabaasonni agarsiisu.

Torban darbe qorannoon gaggeeffamee %46 namootni Tiraampiif sagalee isaanii kennanii turan, osoo inni paartii haaraa hundeessee deeggarsa isaanii akka isaaf kennan himaniiru.

Yaadannoo deeggarsa Tiraampi, siidaan isaa bifa warqeen hojjetames agarsiifameera

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Yaadannoo deeggarsa Tiraampi, siidaan isaa bifa warqeen hojjetames agarsiifameera

Dubbii konfiraansicha irratti taasisaniin filannoo ji'a sadaasaa keessaa kanin Dimokiraatotaan mo'ameef filannichi waan burjaaja'eefi jechuun irra deebiin himannaa sobaa dhiyeessaa turan dubbatan. Bara 2024 akka dorgomuu danda'anis akeekuun.

''Dhugumaan beektu isaan Waayit Haawusiif mo'amaniiru. Garuu maaltu beeka? - Yeroo sadaffaaf isaan mo'uuf karoorsuun danda'a, ni ta'aa?''

Bulchiinsi haaraan Baayiden imaammata Immigireeshinii fi nageenya daangaa irraa jijjiiruu isaaf qeeqaniiru.

''Hundi keenya beekna bulchiinsi Baayiden kun gaarii miti. Garuu tokkoon keenya iyyuu hammam akka gadhee tahuu fi faallaa keenya deeman hin yaadne,'' jechuun deeggartoota isaanitti himan.

Doonaaldi Tiraampi deebi'aniiru. Ji'aaf ija uummataa irraa dhabamanii kan turan Tiraampi konfiransii irratti siyaasa biyyattii bifa haaraan jalqabuuf akka yaadan himan.

Konfiraansiin CPAC bara 1974 kan jalqabe yoo tahu, wal gahii paartiin Rippaabilikaanotni ittiin of ilaalanii fi kallattii siyaasaa fuulduraa itti kaa'atanidha.