Tajaajilli ibsaa naannoo Tigiraay adda citee ture deebi'e

Maxxanfame

Sarara daddabarsa humna ibsaa guddaa naannoo Tigiraayitti argamu irratti haleellaa raawwateen adda citee kan ture tajaajilli ibsaa, amma deebi'uu humni ibsaa Itoophiyaa hime.

Tajaajilli ibsaa naannichaa A.L.Itti Guraandhala 9 bara 2013 haleellaa sarara daddabarsa humna ibsaa irratti raawwateen adda citee torban tokkoo ol tureera.

Naannoo Adigudoom jedhamee beekamutti sararri ibsaa Alamaaxaa-Mehoonii hanga Maqaleetti diriiree jiru humnoota TPLf'n haleelamuun adda citee akka ture humni ibsaa Itoophiyaa himeera.

Dhaabbatichi akka jedhetti naannichatti tajaajilli ibsaa erga addaan citee booda hojii suphaa si'aayinaan hojjetameen kaleessa irraa eegaluun tajaajilli ibsaa gadhiifameera.

Sarara amma haleelamuun miidhaan irra gahe kana irra kana duras haleellaa wal fakkataan dhaqqabuun hojiin suphaa isaa yeroo dheeraa akka fudhate dhaabbatichi hubachiiseera.

Jalqaba ji'a Sadaasaa keessa lola naannoo Tigiraayitti eegaleen sarara daddabarsa humna ibsaa irra miidhaa dhaqqabeen naannichatti bakkeewwan adda addaa tajaajilicha deebisanii argachuuf yeroo dheeraa eegaa turan.

Lola naannicha keessa tureen miidhaa bu'uuraalee misoomaa irra gaheen uummatni tajaajilicha dhabuu qofa osoo hin taane bu'uuraaleen misoomaa humna ibsaa maallaqni miliyonni heedduun itti bahes manca'uun isaa ibsamee ture.

Humni ibsaa Itoophiyaa bu'uuraalee misoomaa humna ibsaa dhiyeessuuf gargaaran kanneen miidhaan irra gahe deebisee suphuun tajaajilatti deebisaa akka jiru himeera.

Bulchiinsi yeroofii naannoo Tigiraay ibsa torban darbe baaseen humnootni TPLF bittinaa'an'' akka jiran himuun uummatni dahoo tahuufii akka hin qabneefi dabarsanii mootummaatti kennuu akka qaban himeera.

Bulchiinsichi humnootni TPLF gandootaa fi magaalota keessa dhokachuun nageenya uummataa booressuun gara rakkoo hamaa biraatti akka galaniif hojjechaa jiru jedhe.

Tarkaanfii humnoota kanneen irratti fudhatamuunis uummatni akka hin miidhamneef dabarsanii kennuu akka qaban dhaamera.

Naannichatti humni ibsaa addaan cituu irraa kan ka'e tajaajilootni akka bishaanii, baankii, bilbilaa, interneetii fi kaan adda citanii turuun kan deebisanii argachuu jalqaban dhiyeenya kana ture.