Koronaavaayiras: Leegoositti qofa namoonni Covid-19 qabaman kan Afriikaa guutuu caale jedhame

Maxxanfame

Naajeeriyaatti qorannoo dandeettii vaayirasii ofirraa loluu qaamaa (antibodies) namootarratti gaggeeffame akka mul'isutti Leegoos keessatti qofa namoonni miliyoona afurii vaayirasiin qabamuu akka malan akeekeera. Kun ammoo lakkooffsa namoota koronaavaayirasiin akka Afrikaatti qabamuun galmaa'een ol jedhameera.

Akka qorannoo kanaatti magaalaa Leegoos keessatti qofa namoonni miiliyoona afur ta'an vaayirasicha qaama keessaa qabu.

Kun ammoo lakkoofsa akka waliigalaatti ardii Afriikaa keessatti galmaa'e baay'ee caala.

Naayijeeriyaa keessatti namoonni vaayirasichaan qabamaniiru jedhamanii gabaafaman 153,000 yoo ta'an kanneen keessaa 1,862 du'aniiru.

Qorannoon kun naannolee naayijeeriyaa keessa jiran keessaa naannolee afur keessatti namoota 10,000 irratti gaggeeffamee ture.

Naayijeeriyaan baay'ina uummataan Afriikaa keessaa tokkoffaadha.

Qorannoo kana Giddu gala to'annoo fi ittisa dhibee Naayijeeriyaa fi Inistitiyuutii Qorannoo Fayaatu ji'a Fulbaanaa fi Onkoloolessa keessa waliin gaggeessan.

Tibba weerarri koronaavaayirasii eegalee turetti baay'inni namoota biyyattii keessatti qabamanii xiqqoo ture, erga qorannoon kun gaggeeffamee garuu namoonni hedduun qabamanii garuu osoo hin gabaafamin akka jirantu barame.

Biyyattii keessatti weera isa jalqabaatiin namoonni muraasni qabamuutu himame, marroo lammaffaan garuu daran hammaateera.

Bara kana ji'a Amajjii irraa eegalee guyyaatti giddu galeessaan namoonni 1,600 ta'an qabamaa jiru.

Naayijeeriyaan talaallii AstraZeneca gara biyyashee galchuuf gaafattee jirti, garuu yoom akka galchitu hin beekamne.

Lakkoofsa namoota qabamanii fi du'anii beekuun maallaqa madaalawaa ta'e ramaduun talaallii kennuuf fayyada jedhan qorattoonni.

Lakkoofsa namoota du'anii sirnaan galmeessanii kaa'uu dhabuun biyyoota Afriikaa keessatti yaaddoo guddaa ta'ee akka jiru UN beeksiseera.

Kanaafuu kanneen lubbuun jiran akka nagaan jiraatan yoo barbaadame kanneen du'an sirnaan galmeessuun dirqama jedheera.

Afriikaa keessaa biyyoonni du'a lammiilee sirnaan galmeessanii qabanMasrii, Afriikaa Kibbaa, Tiiniiziyaa, Aljeeriyaa, Keep Verdee, Saa'oo Toomee fi Piriinsippee, Siishelsii fi Moritaaniyaa qofadha.

Kaan ragaa qindaa'aa hin qaban.