Paarlaamaan Niiwuu Ziilaand karabaataa hidhachuun dirqama ta'uu dhiisuu mala jedhe

Maxxanfame

Miseensi paarlaamaa Maaworii karabaataa uffachuu diduun paarlaamaa keessaa ari'amuu isaa hordofee falmii uumameen kana booda karabaataan paarlaama keessatti dirqama ta'uu dhiisuu mala.

Miseensi paarlaamaa maqaan isaa Raawirii Waayitiit jedhamu sababa karabaataa hidhachuu dhiisee uffata aadaa saba isaa hei-tiki jedhamu uffatee dhufeef paarlaamaatii ari'ame.

Dubbiin kun falmii erga kaaseen booda miseensa paarlaamaa kun dhiyaatee maaliif akka karabaataa dhiisee uffata aadaa isaa filate ibsateera.

Yaadi isaa fudhatamuun karabaataan dirqama ta'uu dhiisuu malas jedhamaa jira.

"Kun dhaloota hedduu boodaan dhufaniif mo'icha," jedhe Mr Waayitiit.

Kana jechuun, paarlaamaan bakka namoonni "bilisaan eenymmaa aadaa isaanii itti ibsachuu danda'anidha," jechuun BBC Newsdaytti hime miseensi paarlaamaa kun.

Af-yaa'iin paarlaamaa Trevor Mallard "akka uffata mana hojiitti" karabaataan kanaan booda dirqama hin ta'u jedhan.

Waayitiit wayita paarlaamaa keessaa bahan, ''Obboleessa kiyya kun waa'ee karaabaataa miti, waa'ee eenyummaa aadaati malee,'' jechuusaanii miidiyaan gabaaseera.

Karabaatni, ''funyoo warra kolooniiti'' kan jedhan namni siyaasaa kun, bakka karabaataatni mormasaaniirra amartii dhagaa 'greenstone' keewwatanii turan.

Af-yaa'iin marroo lammeessoof ergii dhaabsisanii boodas Mr Waayitiit gaaffii isaanii itti fufanii turan. Mr Mallard garuu gamoo gadhiisee akka bahu ajaja dabarsan.

Mr Waayitiit gochaan Af-yaa'ichaan irratti raawwatame, ''haqa-qabeessa kan hin taane'' jechuun, uffanni isaan uffatanii dhufanis aadaa Maaworiin ''wayyaa yeroo akkasiif keewwatamudha,'' jedhaniiru.

Gaggeessituun Paartii Maaworii biraa kan tahan Aadde Debbii Ngarewa-Packer, waahillishee ari'amuun sirrii akka hin taane falmattuus, milkaa'uu hin dandeenye. Aadde Deebiin ofiishee karabaataa godhattee turte.

Taateen kun waan miseensa paarlaamaa kanaafi Af-yaa'icha gidduu tahe isa dhiyoo kanaati.

Dhuma bara dabre keessallee, Aabba Waayitiit yoo karabaataa godhachuu didan, paarlaamaa keessaa akka ari'an itti himamee ture.

Haasawa jalqabaa paarlaamaa keessatti taasisaniin, waan jedhan: ''Funyoo kana morma koorraa baasaa, faaruukoo faarsuu akkan dandayuuf''.

Af-yaa'ichi Aabba Maalaard, seera dirqamaa karabaataa godhachuu yoo jijiirame akka dhuunfaatti akka deeggaran ibsanii, miseensi garri caalu seera karabaataa uffachuu ni deeggaru jedhan.

Ministirri Muummee biyyattii Jasiindaa Ardern, namoonni karabaataa hin kaayyannu jechuun diduusaanii akka hin mormine himanii, garuu wantoonni gurguddoo irratti xiyyeeffachuu qabnu jira jedhan.

''Akkan yaadutti lammileen Niiwuu Ziilaand waa'ee karabaataa dhimma waan qaban hin sehu,'' jedhan.