Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Niiw Ziilaand: Barataan yuunivarsitii keessatti du’e baatii lama booda argame
Reeffi barataa kanaas kan argame Yuunivarsitii Kaanterburii kan magaalaa Christchurch keessatti yoo ta'u, kan baramees erga jiraattoonni naannoo kanaa ajaa hamaa kutaa keessaa dhufu hubataniin booda.
Namummaan barataa kanaa adda baasuun rakkoo ta'eera.
Erga du'ee guyyoota dheeraa waan lakkoofsiiseef jecha eenyummaa isaa adda baasuuf qorannoo garee poolisii qorattootaan qoratamuu qabaata jechuun gabaasaniiru midiyaaleen biyya keessaa.
Sababiin du'a isaas maal akka ta'e adda hinbaane.
Yunivarsitichis du'a barataa waggaa tokkoffaa kanaan baayyee kan ''gaddee' ta'u himeera.
''Sagantaawwan hordoffii kunuunsa waliigalaa jiruun alattis, haalli hun attamiin akka mudachu danda'e yaaduun waan nama amansiisu miti,'' jedhaniiru Ittiaanaa Chaansilaraa Cheryl de la Rey ibsa taasisan.
Taateen kunis qorataa du'aatiin qoratamu eegaleera. Ministirri Barnoota Niiw Ziilaand Chaaris Hipkiins ''yunivarsitichi qorannoo gadi fagoo akka gaggeessuun eega,'' jedhaniiru.
''Yoo galma jireenyaa ykn hostelaaf doolaara baayyee kanfaltu baasichi baaxii mataa keetiif oliitiif osoo hintaane, eegumsa kunuunsaas kan hammatuudha. Akkan yaadutti taatee kanaan haalli akkasii hinraawwatamne.''