Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Manni maree US dubartii rippaablikaan 'mankaraarsituu' ittiin jedhe adabuuf sagalee kenne
Miseensoonni mana maree Ameerikaa dubartii warra Riippablikaanotaa miseensa mana marichaa kooreewwan lama keessaa harii'uuf sagalee kennan.
Tarkaanfiin kunis haasaa ishee baatii Muddee keessaa osoo hinfilatamiin dura dubbatteen wal qabata jedhame.
Maarjoree Taayilar Gireenee tiyoorii shiraa bu'uura hinqabne jajjeebeesuufi hokkora Dimokiraatoota irratti taasifamee deegaraa turte.
Kenniinsa sagaleetiin duras, kan haleellaa mana barnootaa fi 9/11 dabalatee, ilaalcha kan qindeeffameedha jechuusheetti gaabbuu dubbattee turte.
Riippablikaanootii 11 Dimokraatootatti makamuun murtee kana raggaasisuuf waliigalatti sagalee 230 -199 ta'een kennan dubartiitti adabuuf.
Kana jechuunis bakka buutuun Joorgii tun mariiwwan barnootaafi bajataa keessatti qooda hinfudhattu.
Paartiin tokko wayita dhimma kooree paartii biraatiif kennamee keessaa galuun waan barame miti.
Yaada ishee attamiin ibsitee?
Guyyaa Kamisa kaleessaa sagaleen dura, Aaddee Giriineen yaada kana dura kenniteetti gaabbuu himuun, garuu dhiifama osoo hinjedhiin dhaabde.
Yaadni wal morkisiisaan isheen kennite kunis kan dubbatame osoon hinfilatamiin dura bara darbeedha jette. Haata'u malee akka ishee gaafachisuu hinhaallee.
Siyaasaa Ameerikaa keessatti taateen akkanaa kunis baayyee kan barame miti. Yeroo hedduu miseensoonni waan sirrii hintaane wayita raawwataniitti kan adabamu paartii ture.
Miseensi mana maree tunis yaadni kenna kan isaan komachisuu ta'u yaa dubbatan malee dhiifama gaafachu irraa of qusatanii ture.
"Gochiwwan kunneen kan darbaniidha. Anas bakka na hinbu'an'' haasaa mana marichaatti taasisanaiin.
Bakka buutiin Bulchiinsa Jooriyaa fi gaheettiin waggaa 46 kunis tiyyoorii shiraa gaggeessaniin akkuma itti gaafataman, haalma sanaanis midiyaaleen dhimmicha afarsaa turanis itti gaafatamu qabu jedhameera.
Maarjooriin eenyu?
Dubartiin miseensa mana maree tuni midiyaa hawaasaarratti baayee beekamtuudha. Deeggarsuu pirezidaantii duraanii Doonaald Tiraamp.
Kanaan dura Gireeneen af-yaa'iin mana maree bakka bu'oota ummataa Ameerilaa Naansii Peeloosiin 'mataansaa rasaasaan haarukutamu' jechuun kan namni tokko maxxansee jaalachu (like)gochuun fi waamicha pirezidaantiin duraanii Baaraak Obaamaan haa fannifamu jedhu jalatti ammoo waltajjiin qophaa'eera jechuun yyaada kennite.
Bara 2019ttis fakkii daa'ima ajjeechaa jumlaa mana barnootaa Paarkilaandi irraa hafee daandiirratti argamee tokkoon 'bineensa' jechuun wayita arrabsiteetii baayyee komii kaasuun isaa ni yaadatama.
Bara 2018tti ammoo filannoon mana maree biyyattii waggaa lamaan gaggeeffamuun ''motummaan keenya isilaamtoonni akka nu weeraran gochaa jira'' jechuun yaada kennite turte.
Maarjooriin filannoo Ameerikaa dhiheenya gaggeeffameen kan mo'ate Doonaald Tiraamp jechuun amanti.
Haata'u malee haasaa ilaalcha isaaniitti gaabbuuf ilaalchisuun dubbataniin waa'ee dhimmoota kanneen irratti wanti jettee garuu omtu hinturre.