Qondaaltonni addunyaa MM Abiy waliin maal mari'atanii?

Maxxanfame

Ministirri Muummee Abiy Ahmad tibbana dureewwan biyyoota dhihaa waliin mari'achuusaanii miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti maxxansaa turaniiru.

Qondaaltota isaan waliin dubbadheera jedhan keessaa Chaansilarri Jarman Angelaa Merkel fi Pirezidaantiin Firaansi Imaanu'eel Maakroon ni eeramu.

Ministirri muummee kun har'a ganama ammoo Ministira Dhimma Alaa US Antanii Biliinkan waliin mari'achuu ibsaniiru.

Caasaa bulchiinsaa pirezidaantii haaraa US Joo Baayidan keessatti qondaala olaanaa ta'uun dhiyeenya kan filataman Antanii Biliinkanis ministira muummee Abiy Ahmad waliin mari'achuu ibsaniiru.

Aab Biliinkan twitter isaanii irratti akka barreessanitti wayita ministira muummee Abiy waliin mari'achuu ibsan, dabalaniis haallii naannoo Tigraay keessa jiru akka isaan yaaddesse himaniiru.

Naannoo Tigraayitti danqaa tokko malee deeggarsi namoomaa dhiyaachuu akka qabus dhaamaniiru.

''Hudhaawwan jiraatanis jijjiiramni Itoophiyaa keessatti eegalame akka itti fufu Ameerikaan ni barbaaddi. Jijjiiramni naga qabeessa ta'e akka dhufuuf Ameerikaan Itoophiyaa cina ni dhaabbatti'' jedhan.

Ministirri muummee Abiy Ahmad Ameerikaan jijjiirama Itoophiyaa deeggaruushee afaan Ministira Dhimma Alaa kanarraa dhagahuutti gammadan, galatas galchan.

Hariiroo cimaan US fi Itoophiyaa gidduu jiraachuun ijaarsa dimokiraasii Itoophiyaaf utubaadha jedhan Ministirri Muummee Abiy Ahmad.

Ministirri muummee kun erga karaa twitter isaanii dabarsan keessatti waa'ee haala Tigraay keessaa irratti homaa hin jenne.

Haala walfakkaatuun Ministirri Muummee Abiy Ahmad Chaansilara Jarman Angelaa Merkel waliin bilbilaan wayita mari'atan gara fuulduraatti haalota biyyoota lamaan walitti fiduu fi waa'ee dhibee Covi-19 irratti dubbachuu twitter isaaniirratti barreessaniiru.

Waa'ee hariiroo diinagdee fi daldalaa dubbachuus himan.

Imbasiin Jarman Itoophiyaa jiru gamasaatiin twitter isaarratti akka ibsetti, jaarmiyaaleen deeggarsa namoomaa kennanii fi dhaabbileen miidiyaa, naannoo Tigraay keessatti walabummaan akka socho'an Chaansilarattiin ergaa dabarsuu ibseera.

Gama kaaniin Ministirri Muummee Abiy Ahmad Pirezidaantii Firaansi Imaanu'eel Maakroon waliin dhimmoota biyyoota lameen walitti fidanii fi haala naannawa baha ardittii irratti waliin dubbachuu ibsan.

Pirezidaant Maakroon waa'ee mariisaanii kana homaa jechuu baatanis, Ministeerri Dhimma Alaa biyyattii torbee darbe ibsa baaseen haalli naannoo Tigraay akka isa yaaddessuu fi mootummaan Itoophiyaa jaarmiyaalee deeggarsa kennaniif walabummaa akka mirkaneessu gaafateera.

Dhimma biraan ammoo Imbaasiin US kan Eertiraatti argamu mootummaan Eertiraa loltootasaa hatattamaan Tigraay keessaa akka baasu Ameerikaan dhaamteetti jedheera.

Imbasichi fuula feesbuukii isaarratti gabaasa Asoosheetid Pirees dhimma kanarratti gabaasee qoodeera.

Gabaasa kana keessatti, ''Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa, ragaaleen loltoonni Eertiraa Tigraay keessatti dhiittaa mirga namoomaa raawwachaa akka jiran mul'isu Ameerikaa gahuu'' himan kan jedhudha.

Mootummaan Eertiraa waa'ee lola naannoo Tigraay ilaalchisee komiin irratti dhiyaachuu irratti hagas mara deebiin kenne jiraachuu baatus, Itoophiyaan garuu loltoonni Eertiraa lola Tigraay keessatti akka hirmaataniif akka hin hafeeramne irra deddeebiin himti.

Itoophiyaatti ambaasaaddaroota Ameerikaa ta'uun kan tajaajilaa turan Ambaasaaddaroonni duraanii afur haalli Tigraay keessaa nu yaachiseera jechuun xalayaa barreessanii turan.

Ministeerri beeksisaa Eertiraas xalayaa ifaan ifatti barreeffame kanarrratti yaada kennee ture.