Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namoonni lotoriin guyyaa tokkotti tasa miliyeenara isaan taasise maal dhugaa ba'u?
Isin osoo har'a tasa lotoriin isiniif bahee maal ittiin gootu? Waan bara dheeraa hawwitan ittiin bitachuu? Addunyaa kanarraa biyya barbaaddan daawwachuu?
Hawwiifi fedhii milkeessuu barbaaddanii garuu hir'inni maallaqaa harka isin hidhe ittiin furachuu? Wantichi garuu akka yaaddanis ta'uu danda'a jettaniimmo beektuu?
Namoonni lotoriin isaaniif baase maal akka godhan, maaltu akka isaan mudate dubbatu.
Addii Guudchaayeldi bara darbe lotorii Paawondii miliyoona 71 mo'ate. Lotorii 'Yuroo Miliiyoons' jedhamu ture kan mo'ate.
Isaan booda soorama baheen callisee taa'een nyaadha jedhee ture. Haata'u malee, callisanii taa'anii nyaachuun gammachuu akka isaaf hin laanne kan hubate ture.
Mudannoo akkasiin kanas kan qabu Addii qophaa hin turre.
"Lotorii mo'achuun jireenyakoo gooleera"
Jeen Restoorik osoo lotoriin isheef hin ba'iin dura maqaan ishee Jeen Paark jedhamti turte.
Maqaa ishee qofa osoo hin taane jireenyi isheellee akka jijjiiramu kan taasise lotoriin mo'atte waggaa afur dura ture.
Seenaa biyya Biriteen keessatti nama umurii xiqqaan lotorii mo'atte ishee jalqabaati Jeen.
Yeroo lotoriin ishee baasetti bulchiinsa waajira tokkoo keessatti hojii xiqqoo tokko hojjetti turte. Edenbiraa keessa haadhashee waliin appartaamaa xiqqoo tokko keessa jiraataa turte.
Jeen lotoriin Paawondiin miliyoona tokko akkuma isheef ba'een Feesbuukiirratti labsite. Oduu gammachuu gadi dhiifte kana waliin Imoojii kolfa agarsiisu itti aansuun gadhiifte.
Imooji''n fakiiwwan xixiqqoo miidiyaa hawaasummaarratti miira, dhaka, fakii gocha agarsiisan miidiyaa hawaasummaa irratti fayyadamnu jechuudha.
Wanti jalqaba goote sanyii saree gati jebeessa ta'ee 'Chihuahua dog' jedhaman kan saalonii keessa kaawwatan tokko bitatte. Maqaa saree bitattee kanaas Piriinses jettee moggaafte. 'Giiftii' akka jechuuti hiikti maqaa sareeshee kun.
Isaan booda ammoo borsaa maqaa gaarii qabuufi gati jabeessa ta'e tokko bitachuun hawwiishee ture. Isaan booda akkuma yaadde borsaa harkaa biraandii beekamaa Luuwii Viittoon (Louis Vuitton) bitatte.
Baasii ishee gosa lamaan kanaan Paawondiin kumni 10 dhumaniiru. Isaan booda garuu waan gootu wallaaltee bita itti gale.
Gaaffiifi deebii waggoota sadiin dura kenniteen akka wanti jireenyikoo ana irratti jigaa jiruutti natti dhaga'ama ture jette.
Guyyaa guyyaan yeroon ka'u wantuma maallaqa waliin walqabaten yaada ture. Miirri sun nama hin gammachiisu jetti Jeen. Yaada ishee sana garuu sammuushee keessaa baasuu hin dandeenye. "Maal ta'a osoo lotoriin kun anaaf hin baane ta'ee," jechuun hanga hawwuurrayyu geesseeyyu turte.
Lotoriin abbaan Paawondii miliyoona tokkoo intala umuriin waggaa 17f waan balaa qabu ture. Kun waan shakkisiisu hin qabu.
"Maal gochuutu sirriidha kan jedhu namni ana gaggeessu hin turre," jetti.
Lotoriin erga ishee ga'een boodafiroonni ishee karaa adda addaa ija keessa ishee ilaaluus jalqaban. "Mucayyoon kun rakkoo maallaqaa qabnu nuuf hiiktii laata," ija jedhuun ishee ilaaluu jalqaban.
"Namoonni ana kan barbaadan maallaqa lotorii waliin dhimma walqabateen qofa ergan hubadhee muddama hamaa keessan gale," jetti Jeen.
Itti-gaafatamaan dhaabbata Lotorichaa Kaameloot gama isaaniitiin, "Intalattiidhaf deeggarsa qoor-qalbii/xiinsamuu qofa osoo hin taane maallaqasheellee akkamiin akka qabachuu dandeessu nama ishee gorsu bilisaan dhiyeessineef turre," jechuun balleessaan isaan biraa akka hin taane ibsu.
"Miliyeenera yoo ta'ellee hojiikoo nan jaalladha"
Suu Richaardis bara 2016 guyyaa tokko gara manaa deemaa turte. Akka tasaa dhimma isheef yeroo gara suupparmaarkettiitti seentu lotorii ammee ('faxxaan lotorii') tokko bitatte. Wanticha garuu akka waan hiika qabuuttis bakka hin kennineef ture.
Akka tapha ture kan bitatte. Mana galteetu irraa saaqxee ilaalte. Akka Paawondii miliyoona 3 mo'attu ishee taasise.
Gammachuun ishee daangaa hin qabu ture. Abbaa warraa ishee waliin gara magaalaa Iseeksi deemuun mana bitatan. Konkolaataawwan afuris bitatan. Isaan booda ammoo addunyaarra naanna'anii ilaaluu jalqaban.
Ijoollee isaaniifis wantota barbaachisan guutaniif. Aadde Suu Richaardis waggaa darbe waggaa afraffaa lotorii itti mo'atte abbaa warraashee waliin kabajattan.
Mooraa mana isaanii keessatti maallaqa guddaa baasuun shaampaanyiidhaan kabajan.
Aadde Suu Richaargis miliyeenera taatullee torbanitti sa'aatii 90 kunuunsituu maanguddootaa ta'uun tajaajilti.
Maal rakkattee akkas dhamaata jedhamtee gaafatamtees, "Hojiikoo nan jaalladha," kan jedhu ture deebiin ishee. Tarii maddi gammachuu ishee Paawondii miliyoonaan qabaachuurra hojiishee ta'uun hin hafne.
"Miliyeenera ta'uun hanga sana marsa ana hin ajaa'ibne"
Mudde bara 2017 Mellisaa Eed gara buufta rabsa boba'aa tokko seente. Isheenis lotorii irraa saaqanii/riganii tokko bitatte. Lotorii ammee sana jechuudha.
Guyyaa sadaffaatti yeroo ilaaltu kan lakkoofsa herrega baankk ishee gabbisu argatte. Paawondiin miliyoona shan itti galeef.
"Guyyaa tokkotti lakkoofsi herrega baankiikoo Paawondii tokko irraa gara Paawondii miliyoona shaniitti guddate," jechuun BBCtti himtee turte.
Mellisaan miliyeenera ta'uu isheetiin dura, halkan halkan konkolaachiftuu taaksii turte. Maallaqa hin qabdu ture.
"Jireenya qoramaata anatti taatee turte. Yeroo tokko tokko maallaqa waanan hin qabneef irbaata osoon hin nyaatiinan bula," jetti.
Erga lotorica mo'ateen booda Paawondii miliyoona sadii invast irraa gooteetti. Manas bitatteetti. Liqaa maatiisheefi hiriyyootasheerra jirus kaffalteetti. Jireenya isaaniis jijjiirteef.
Kana hunda milkeeffatteellee akkas jetti.
"Namoonni lotoriin wanta hunda waan jijjiiru itti fakkaata. Hanaga sana maras kan nama jaa'ibu miti. Yeroo ta'een booda wanti jiru martinuu bakka duraan turetti deebiya," jechuun ibsiti.
"Namoonni baayyeen maallaqni rakkoo hundumaawaan furu itti fakkaata. Sobadha. Miliyeenera ta'uun gammadduu ta'uu akka hin taane ani dhuga baatuu sirriidha," jechuun BBCtti dubbatte.
"Akka waanan keekiirra mucucaadheetti natti dhaga'ame"
Richaardiifi Kaatiin gaazexeessitoota turan.
Osoo hin yaadiin Paawondii miliyoona ja'a mo'atan. Silas eenyutu lotorii yaadee mo'atee beeka.
Richaardifaa battalumatti addunyaara naanna'uu jalqaban.
Gara ardii cabbiin uwwifamee Antaartikaallee deemanii cabbiirra mucucoo/sigigaachoo taphataniiru. Hawwiin isaanii isa ture. "Hanga keekkiirra mucuchaachuu/sigigaachuutti namatti dhaga'ama," milkaa'ina hawwii isaanii yeroo ibsan.
Haati warraafi abbaan warraa kun yeroo ammaa soorama ba'aniiru. Gara bantii kaabaa addunyaa kana keessa galaana daakaa bashannanan dabarsuuf karoorfataniiru.
"Maallaqni lotoriidhaan arganne maallaqa hanga jireenya keenyaaf barbaachisuun ol baayyata. Kana waan ta'eef, maatiin keenya carraa gaarii keenya irraa akka qooddataniif ni taasisna," jechuun BBCtti himan.
Miliyeenera ta'uun rakkoo maallaqaa furuullee danda'a malee ofii isaatiin garuu madda gammachuu akka hin taane dubbatu haati warraafi abbaan warraa kun.