Chaayinaan invastimantii alaatiin addunyaarraa jalqaba tahuun bakka US qabatte

Maxxanfame

Chaayinaan invastimantii kallattii alaatiin (FDI) addunyaarratti biyya jalqabaa tahuun Ameerikaa caaluu, gabaasni UN Dilbata bahe mul'ise.

Invastimantiiwwan haaraa biyyoota alaa gara Ameerikaatti dhufu bara dabre keessa walakkaan kan hirdhate yogguu tahu, kunis sadarkaa jalqabaa dhabsiiseera.

Gama kaaniin garuu, Chaayinaatti invastimantiin %4n dabaleera, kunis addunyaarraa sadarkaa tokkeessoo gubbaa akka teessu godheera.

Sadarkaa kana gubbaa taahuun Chaayinaa, hangam waltajjii diinagdee addunyaarratti dhageettiin qabdu dabaluu agarsiisa.

Chaayinaan doolaara biiliyoona 163 biyyatti kan galchite oggaa tahu, US ammoo biiliyoona 134 gara biyyaatti fiduu dandeesse - akka gabaasa jaarmiyaa UN - UNCTADtti.

Bara 2019tti, Ameerikaan doolaara biiliyoona 215 invastimantii haarayaa gara biyyaatti wayita galchitu, Chaayinaan garuu biiliyoona 140 qofa galchitee turte.

Chaayinaan invastimantii alaa haarayaan tokkoffaa taatus, Ameerikaan ammallee invastimantii alaa waliigalaan kan morkatu hin jiru.

Kunis hojii gama invastimantii biyyoota biraa harkisuuf waggoota hedduuf biyyattiin hojjetaa turte kan agarsiisudha.

Ogeeyyiin akka jedhanitti, taateen kun adeemsa Chaayinaan diinagdee addunyaa baroota dheeraaf Ameerikaan to'atamee turetti dhiyaachaa jiraachuu agarsiisa jedhu.

Ameerikaan addunyaa gubbaa diinagdee guddaa biyya qabdudha.

Daldala irratti Ameerikaa wajjin waldhabdeerra kan jirtu Chaayinaan, 2028tti addunyaarratti diinagdeen sadarkaa jalqabaa qabatti jechuun, dhaabni qorannoo UK - Centre for Economics and Business Research (CEBR) raageera.

Kufaatii Tiraamp

Ameerikaatti invastimantiin biyya alaarraa galu 2016tti sadarkaa olaanaarra gahee ture. Bara sana US doolaara biiliyoona 472 oggaa galfattu, Chaayinaan ammoo biiliyoona $134 biyyatti galchite.

Ergasii Chaayinaatti invastimantiin dabalaa kan deeme yoo tahu, Ameerikaatti ammoo erga 2017 kaasee gadi bu'aa dhufe.

Bulchiinsi Tiraamp, kaampaanota Ameerikaa Chaayinaa keessaa daldala qaban, biyyattii gadhiisuun UStti akka deebiyan jajjabeessaa ture.

Kaampaaniiwwaan fi invastaroota Chaayinaa biyyattiitti hojii jalqabaniif akeekkachiisa kenne. Kunis nageenya biyyooleessaaf sababa jedhuuni.

Diingadeen Ameerikaa wayita Covid-19 keessatti rakkoo keessa seenutti, kan Chaayinaa garuu ol ka'aa dhufe.

Guddinni diinagdee biyyattii 'GDP'n bara 2020 keessa %2.3n guddachuu, gabaasni bahe agarsiiseera.