Amandaa Gormaan: Shamarree sirna waadaa galuu Baayidan irratti walaloodhaan 'tokkummaa' leelliste

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Amandaa Gormaan shamarree umurii xiqqaa ishee jalqabaa sirna waadaa galuu pirezidaantii Ameerikaa irratti walaloo dhiyeessuun 'tokkummaaf' waamicha gootedha.

Shamarreen ganna 22 hojii ishee 'The Hill We Climb' [Gaara Nuyi Baanu] jedhu keessummoota sirnichaaf Waashingitanitti argamaniifi uummata adunyaa daawwataa tureef dhiyeessiteeti.

Gaafa guyyaan dhufu, dukkana gonkumaa xumura hin qabne kana keessaa ifa eessaa arganna jennee of gaafanna, jechuun eegala walaloon ishee daqiiqaa shanii dhiyeesite.

Weerara Kaappitaal Hiil jalqaba ji'a kanaatti mudates eerteetti. Osoo dimokiraasiin barfateera tahee humna biyya keenya waliif qoodurra biyya cufuu fi biyya mancaasu argineerra jette walaloo ishee keessatti.

''Ifaajeen kun milkaa'eera. Garuu dimokiraasiin barfachuu danda'a, garuu ammoo dhaabbataadhaan hin mo'amu''

Walaloo ishee keessatti Amandaan akkas jechuun of ibsite. '' Dubartii gurraattii qal'oo garboota irraa dhufte fi abbaa malee haati guddifte, kan pirezidaantii tahuuf abjuu qabdu, warra kaaniif nama dubbatu taatee of arguuf qofa,'' jette

Xiinxala: Wiil Gompertiz

Dargaggeettii biyyaalessaa jalqabaa Looreetii walaloo taate hojii jechoota sirrii yeroo sirrii irratti fayyadamuun hojii ishee hojjettetti.

Amandaan hojii ishee surraa gaariin dhiyeessite. Jechoonni isheen fayyadamte uummata adunyaa guutuu waliin kan deemanidha. Har'a, boru fi fuuldurattis kan jiraatanidha.

Barreesituu fi taatoon bara 2017 akka biyyichaatti umurii xiqqaan Looreetii Walaloo Biyyaalessaa jalqabaa taate faana namoota beekamoo Roobert Firoostii fi Maayaa Anjeeluu qabatte.

''Dhugumaan jechoota koo fayydamee mallattoo tokkummaa fi wal utubuu tahuun barbaada'' jette yaada BBC'f kenniteen Amandaan.

''Akkan yaadutti Ameerikaa keessatti kun boqonnaa haaraadha, waa'ee fuulduree keenyaa jechoota miidhagoon ibsuu fi hojjeechuudha.''

Namootni baay'een waloo kana dinqisiifataniiru. Taatoo beekamtuun US Oppiraah Winfirii ''dubartiin dargaggeettii taate ajaa'ibaa biraa ka'uusheen akkas boonee hin beeku'' jettee Tiwiitera isheerratti barreesite.

Giifti dureen duraanii Miishel Obaaman Gormaaniin akkas jette jajje. ''Jechoota baay'ee cimoo fi miira namaa tuqan,'' ittuma fufii mul'adhu Amandaa jette.

Kaadhimamtuun pirezidaantii duraanii Hiilaarii Kiliinten Gormaan bara 2036tti pirezidaantummaaf dorgomuuf waadaa galteetti. '' Ani hamma gahutti hin eegu'' jette.

Gorman yeroo carraa waadaa galuu pirezidaant Baayidan irratti akka walaloo dhiyeesituuf filamuu ishee dhageesse akka iyyitee fi gammachuu ishee ibsatte dubbatti.

Yeroo akka dhiyeesituuf gaafatamtu ''gammachuu guddaa fi kabajaa'' guddaan akka itti dhagahame himti. Akkasumas sodaachuu himte.

Bara 1998 Loos Anjeles keessatti dhalatte. Ijoollee taatee dubbii irratti ni rakkatti ture. Akkuma pirezidaanti Jooy Baayidan duraan giinga'aa turan isheenis ni giingofti ture.

''Kuni taatoo amma itti jiruu fi tahuu barbaadu na taasiseera'' jette gaaffiif deebii Los Anjeles Taayimsi waliin dhiyeenya taasifte irratti.

''Akkkaataa akkamiin sagalee baasuu akka qabdu yeroo of barsiiftuu fi akkaataa qooqaa of barsiiftu, hubannoo haala sagaleessan irratti siif kenna.''

Kitaaba ishee jalqabaa 'The One for Whom Food is Not Enough' jedhu bara 2015 maxxansuun kitaaba biraa suuraan 'Change Sings' jedhu ammoo xumura bara kanaa maxxansiti.

Umurii ganna 16'tti Looretii walaloo Loos Anjeles yoo taatu waggaa sadiin booda yeroo Yuunvarsiitii Haarvaardii Soosholoojii barattu ammoo Looreetii Dargaggoo Biyyaalessaa taate.