Isteetiiwwan US 50 mormii ka'uuf malu qolachuuf qophaa'anii jiru

Maxxanfame

Guyyaa simannaa Baayidan gaafa Roobiin dura Isteetiiwwan Ameerikaa 50n Naannoon Kolombiyaa dabalatee yaaddoo hokkorri ka’uu danda’a jedhuun of eeggannootti jiru.

Loltoonni 'National Guard' jedhaman hokkorri akka yeroo darbee akka hin dhalanneef baay’inaan gara Waashingitan Diisiitti ergamaniiru.

Biiroon Basaasaa Federaalaa (FBI) deeggartoonni Tiraamp hiriira meeshaa waraanaan deeggarame gochuu danda’u jechuun akeekkachiisee ture.

Yerooma kanatti, gareen Baayidan imaammatawwan ijoo Tiraamp geeddaruudhaaf qophaa’aa jiru.

Baayidan akkuma miilli isaanii Waayit Haawus ejjeteen hojiilee bulchiinsa darbee irraa kansaanii adda taasisaniifi kan ifatti mul’attan dalaguu akka jalqaban ibsi miidiyaalee US’n gabaafame mul’isa.

Tarkaanfiiwwan fudhataman keessaa:

· Ameerikaan waliigaltee jijjiirama haala qilleensaa Paariis kan yaa’a kaarboonii hir’isuuf taasifametti ni deebisu.

· Baayiden dhorkaa imalaa biyyoota baay’inaan uummata Musliimaa qabanirratti kaa’ame ni kaasu.

· Maaskii keewwachuun naannolee bulchiinsa federaalaa fi daandiiwwan gurguddoo irratti dirqama ni taasisama

Akkuma Pireezidant Tiraamp, dhimmoota kanneen akka qarshii deeggarsaa doolaara tiriiliyoona 1.9 hojii haaromsa godaantotaaf karoorfame kan seera tumtootaan raggaasifamu qaburratti Baayidanis aangoo ajaja raawwachiisuu fayyadamuu malu.

Guyyaa simannaan dura Waashingitan Diisiin loltoota achitti ramadamaniin uggura keessa baati jedhamee eegamaa jira.

Daandiiwwan baayyeen Kaappitaal irraa xiqqoo fagaatanii argaman, kan iddoo hokkorri itti uumame danqaraa sibiilaa jajjabaan cufamaniiru.

Gamoon Biyyaalessaa yeroo simannaa namoota kumaatamaan guutamu gaaffii Tajaajila Icciitii-itti gaafatamummaa pireezidanticha eeguu qabuun akka cufamu taasifameera.

Gareen Baayidan lammiilee Ameerikaa guyyaa simannaaf sababa Covid-19n akka hin imalleef gaafataniiru. Bulchitoonni sagantaa simannaa kana fagoodhumaa akka hordofan uummata gaafataa jiru.

Kana malees sababa deeggartoonni Tiraampiifi gareen onlaayinii hiriira meeshaa waraanaan waamaa jiraniif guyyaa Dilbataaf xiyyeeffannoon kennamee jira.