Filannoo Yugaandaa: Yugaandaatti mootummaan intarneeti cufuullee lammileen filannoof bahaniiru

Mootummaan Yugaandaa filannoo pireezidaantummaa har'a gaggeefamaa jiruun dura tajaajilawwan midiyaalee hawasaa cufeera. Dorgomaan mormituu Boobii Waayiin garuu gochi kun qaama sochii filannoo waliin dhahuutii jedheera.
Mootummaan biyyattii sababii feesbuukiin deeggartoota kiyya uggureef jechuun midiyaaleen hawaasaa akka cufamaniif Kibxata darbe ajaja dabarsuunsaa ni yaadatama.
Haata'u malee lammiileen biyyattii hoogganaa isaanii waggoota dhufanii filachuuf buufataalee adda addaatti hiriira galanii eeggataa jiraachuu gabaasonni BBC magaalaa guddoo biyyattii Kaampaalaafi bakkeewwan garaa garaatti argaman himan.
Tajaajila intarneetii biyyattii maaltu mudate?
Yugaandaa keessatti aanga'oonni mootummaa dorgommii cimaa pireezidantii Afrikaatti kanneen bara dheeraaf aangoorra turan keessaa tokko ta'an, Yuweerii Museveniifi weellisaa beekamaa Boobii waayiin jidduutti har'a gaggeefamuun dura tajaajjilli intarneetii akka adda citu taasisan.
Gareen Interneetii to'atu NetBlocks tiwiitara irratti akka jedhetti, biyyattiin guyyaa Roobii galagala sa'aatii tokko irraa eegaluun dukkana intarneetiitti deebitee jirti.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 1
Uggurrii intarneetii kunis mootummaan akka appiiwwan ergaa dabarsaniifi miidiyaalee hawaasaa hundi cufamaniif ajaja dabarsee guyyaa tokkoon booda hojiirra olfame.
Pirezidaanti Yuweerii Museveniin, sababii akkaawuntiiwwan feesbuukii kan paartii biyya bulchaa jiruu deeggaran dhaabni Feesbuuk haqeef uggura kana kaahan jedhama.
Walliisaa beekamaan amma dorgomaa pireezidaantummaa ta'ee Boobii Waayiin ammoo interneetii cufuun qaama karoora filannoo waliin dhahuuti jedheera.
Itti dabaluunis, ''Uummannii Yugaandaa cimaafi bulchiinsa abbaa hirree kana dhuma itti godhuuf kan isa dhaabu omtu kan hinjirreedha'' jedheera.
Filannoon har'aa kunis ganama sa'aatii tokkootti eegaluun bu'aansaa Sanbata dhufaatti akka ifa ta'u eegamaa jira.
Dulli na filadhaas hokkoora cimaan kan guutameefi namoonni hedduunis kan itti lubbusaanii dhaban ture.
Obbo Museeveniin ammoo erga waggoota 35 darbaniif biyyattii bulchaniin booda ammas yeroo jahaffaaf aangoorra turuu barbaadu.
Amma waan haaraa maaltu jira?
Komishiniin filannoo namoonni filannoof galmaa'an hanga hiriira galanii jiraatanitti sa'aatii itti buufataaleen filannoo akka cufaman jedhamaniin boodas namoonni sagalee akka kanneniif hayyamamu qaba jedhulleen, buuftaaleen filannoo garuu barii sa'aatii 1tti eeagaluun waaree booda sa'aa 10tti akka cufamaniif karoorfameera.
Haata'u malee buufataalee filannoo tokko tokkotti sa'aatii eegaluu qabuun filannoo kan hineegalamiin ta'uun himamaa jira.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 2
Kaadhiimamaan pirezidaantummaa mormituu Boobii Waayin buufata filannoo qarqara Magaalaa Kaampaalaatti argamu tokkootti sagalee kenna jedhamee eegama.
Haaluma walfakkaatuun pireezidaanti Yuweerii Musevenii kan aangoorra waggoota 35'f turan, bakka dhaloota isaanii Lixa Yugaandaatti filatu jedhamee eegamu.














