Filannoo Yugaandaa 2021: Wantota shan waa'ee filannoo Yugaandaa beekuu qabdan

Madda suuraa, Getty Images
Duula filannoo hokkara makachuun namoonni akka du'aniif sababa ta'een booda Yugaandaan Kamisa (Amajji 14, 2021) filannoo biyyaalessaa gaggeeffatti.
Pirezedaantiin biyyattii Yuweerii Museeveeniin aangoorra waggoota 35f erga turanii boodallee marsaa ja'affaatiif filatamuu fedhaa jiru. Maanguddoon umuriin isaa ganna 76 ta'e kun namoota 10 waliin dorgomuuf kan jiru yoo ta'u isaan keessaa garuu sirbituun beekamaa siyaasatti makame Boobii Waayin morkataa cimaa ta'a jedhamee eegama.
Gareen mirgoota namoomaa humna darbaa humnootiin nageenyaa hiriira deeggarsaa mormitoonni yeroo duula filannoo gaggeessan dhaabsisuuf fudhatan himataniiru. Mootummaan garuu dhorkaa weerara koronaavaayirasii ittisuuf kaa'ame cabsuun namni baay'ee akka walitti hin qabamne gochuuf tarkaanfiin cimaan fudhatamuu barbaachise jedha.
Waa'ee filannoo Yugaandaa qabxii barbaacisoo shan isin beekuu qabdan kunooti:
1. Namicha waggaa 40f aangoorra turuu barbaadu
Pirezedant Museeveeniin pirezedaantota biyyoota Afrikaa waggoota hedduuf aangoorra turan keessaa isa tokkodha. Inniifi paartiin isaa Sochiin Naashinaal Resiistaans waraana waggoota shaniin booda bara 1986 kan aangoo qabate yoo ta'u erga bara sanaatiin Yugaandaa bulchaa jira.
Deegartoonni isaa biyyattiidhaaf hanga tokko nagaafi badhaadhinni akka ta'u, keessumaa ammoo imaammatawwan fayyaa irratti inni fideef isa jajatu.
Tatamsa'inni HIV akka gadi bu'u taasiseera. Dhiyeenya kana ammoo tarkaanfiiwwan addaa addaa akka manneen barnootaa, manneen daldalaa cufuu, geejjibawwan dhaabsisuufi seera maaskii dirqamaan godhachuu kanneen jedhan fudhachuun weerara koronaavaayirasii ittisuudhaaf waan hojjetaniin galateeffatameera.

Madda suuraa, Getty Images
Haata'u malee, yeroo tokko biyyoota gama Lixaan gaggeessitoota dhaloota haaraa Afrikaa keessaa akka tokkootti faarfamanillee, qeeqxonni isaa garuu gaggeessaa biraa abbaa irrummaatti of jijjiiredha jedhu.
Museeveeniin paartii isaa keessaa nama isa bakka bu'u adda baafatee hin qabu. Maanguddoon kun bara 2017 ammoo seera umurii pirezedaantii 75tti daangessu haqu baasuudhan akka ammas pirezedaantummaatiif dorgomuu isa dandeessisutti tolfateera.
14 January 2021
18.1mpeople have registered to vote
11candidates are running for president
1of the candidates is a woman, Nancy Kalembe
5elected terms so far for Yoweri Museveni
50% plus 1votes needed for a candidate to avoid a run-off election
529MPs will also be elected

Bulchiisa isaa keessatti mormii hedduun kan isa mudachaa ture yoo ta'u, addatti mormituu yeroo dheeraa kan ture dursaan garee mormituu Kiizaa Besigiyee isa tokkodha. Dursaan mormituu kun yeroo hedduu kan hidhame yoo ta'u bara 2021 keessa pirezedaantummaaf akka hin dorgomne murteessee dhiise.
Museeveeniin baadiyyaarraa deeggartoota baay'ee qabaatullee, rakkoon walqixxummaan dhibuun dabalaa deemuufi biyyattii gosaan qabanii bulchuun mormiin isa mudataa jira.
2. Sirbituu beekamaa Museevenii dura dhaabbatu
Kaadhimamtoota 10 Museeveenii dorgoman keessaa tokko nama muuziqaa kan ta'e Roobeert KiyaagulaanyiiSentaamuu ykn maqaa waltajjii Boobii Waayiin jedhamuun beekamudha.
Namoota warra isa jaallataniin "ghetto president" jedhama. Kun ammoo 'pirezedaantii humnaan bakka muraasatti daangeffame' akka jechuuti. Boobii Waayin osoo bara 2017 siyaasa keessa seenee paarlaamaa keessatti teessuma hin mo'atiin dura baroota 2000n keessa Afrikaa Bahaa keessatti weellisaa baay'ee beekamaa ture.
Boobii Waayin bulchiinsa Museeveniitiif akka mormituu cimaatti ilaalama. Dargaggoota duraan siyaasa keessa hin jirrellee akka siyaasatti makaman nama taasisedha. Baroota darban keessa pirezedaantii biyyattii cimsee kan qeequ yoo ta'u, " ummata sodaatoo taasiseera" jechuunis ni himata.
Pirezedaantichis morkii kana akka salphaatti hin ilaalle. Boobii Waayiniin akka ergamaa humnoota alaatti himata. "Warra tasgabbiifi walabummaa Yugaandaa hin barbaadneef hojjeta" jechuun kanaaf ammoo dargaggoota duula filannoof kakaasuun hokkara uumuun gara hin taanetti oofaa jira jechuun himatu.
Boobii Waayin erga siyaasatti makamee si'a hedduu hidhameera.
3. Garaa garummaa dhaloota giduutti uumame
Baabii Waayin beekamaa akka ta'u kan taasise keessaa tokko umurii isaati. Inni amma umuriin isaa ganna 38 yoo ta'u walakkaa Pirezedant Museeveeniiti jechuudha. Biyyattiin ammoo biyya dargaggoota hedduu qaban keessaati.

Madda suuraa, Getty Images

Madda suuraa, Getty Images
Boobii Waayin magaalaa guddittii biyyattii Kampaalaa keessatti bakka hiyyeeyyonni itti heddummaatan keessatti guddate. Haqaafi walqixxummaa hawaasummaa inni muuziqaa isaatiinis ta'e siyaasa keessatti dhageessisu dargagoota biratti, keessumaa warreen magaalaa jiraatan biratti fudhatama argateera.
4. Tarkaanfii sababa uggura/dhorkaa Covid fudhataman
Dhiphina cimaatu ture. Duulli filannoos hokkaraa walirraa hin ciitneen kan makame ture. Kanarraa kan ka'eenis namoonni hangi tokko ajjeefamanii dhibbaan kan lakkaa'aman ammoo hidhamaniiru.
Aanga'oonni tarkaanfii fudhatame kana sababa uggurri ittisa Covid-19 labsame cabuu isaatiin jedhu. Huumaan Raayitis Waach ammoo humnoonni nageenyaa seera ugguruu kana " akka ittiin qabannaatti gargaaramuun mirgoota namoomaa sarbuufi mormitootaafi miidiyaalee ittiin ukkaamsuuf" itti gargaaramu jedha.

Madda suuraa, Getty Images
5. Gahee Yugaandaan naannichaafi naannoo sanaan alatti qabdu
Yugaandaan ummata miliyoona 42 qabdi. Biyyattiin Keeniyaa, Sudaan Kibbaa, Taanzaaniyaa, Ruwaandaafi Dimokiraatika Rippabilika Koongootiin daangeffamti.
Biyyoota ollaa irraa kan itti baqatan miliyoona 1.4 keessumeessuun addunyaa irrati biyya baqattoota keessummeessuun sadarkaa duraa keessa jirtudhas.

Namoonni tasgabbii dhabuu biyyattii ija yaaddootiin ilaalu. Filannoo booda maaltu uumama jedhaniis hordofaa jiru. Seenaa Yugaandaa keessatti aangoo karaa nagaa waliif dabarsuun hin jiru. Kana waan ta'eef, yoo Museeveeniin kan mo'aman ta'e loltuun biyyattii maal akka godhuufi maaltu akka ta'u ifa miti.
















