Ifaa Taliilaa: Dargaggoo jiruu daandiirraa keessa darbee jiraattota daandiirra gargaaraa jiru

Maxxanfame

Dargaggoo Ifaa Taliilaa ofiisaatii daandiirra jiraachaa kan ture yoo ta'u amma garuu jireenya kana keessaa ba'ee namoota daandiirra jiraatan gargaara.

Godina Shawaa Bahaa Aanaa Boosat ganda Xaddachaa keessatti kan dhalate dargaggoo Ifaan, yeroo ammaa magaalaa Adaamaa keessaa mana bareedinaa dubartootaa qabuun of jiraachisa, weellisaadhas.

Ifaa Taliilaa eenyu?

Baadiyyaa keessatti dhalatee guddachuu kan himu dargaggoo Ifaa Taliilaa, jaalalaa fi kunuunsa abbaa fi haadhasaa malee akka guddate hima.

Kunis bu'aa bayii jireenyaa hamtuuf akka isa saaxile dubbata, garuu hojii gaarii amma hojjechaa jiruuf ammoo ka'umsadha jedha Ifaan.

''Rakkoon an addunyaa kanarratti dabarse harma haadhaa dhabuurraa eegala. Abbaa fi haadhi kiyya umurii daa'imummaa kiyyatti (ji'a ja'a) waldhabanii gargara ba'an. An haadha buddeenaa kiyya birattin guddadhe,'' jedha.

Boodarra isheettis jireenyi hammaataa wayita deemu anis biraa ba'een jireenya dhuunfaa koo kan gadadoon itti heddummaatu eegale jedha Ifaan.

Ergan of danda'ee ba'ees namoonni baadiyyaa ofitti na qabanii of bira na jiraachisan na haa gargaaraniyyuu malee, humna kiyyatti garmalee fayyadamaa turan jedha.

''Boodarra naannoo waggaa afuriitti daandiirratti ba'een waanan argadhe nyaachaa, bakkuman argadhe bulaan jireenya koo itti fufe. Mukarra bulaan ture. Waanan nyaadhu dhabeen firii mukaa nyaachaa ture. Uffata ciccitaa fi kophee bara baasoo uffachaan ture'' jechuun jireenya daa'imummaasaatti dabarse yaadata.

Baadiyyaa keessattillee daandiirra jiraachaa akka ture kan himu ifaan, jireenya daandiirraa guutummaatti kan eegale garuu erga magaalaa Oolan Citii seenee ta'uu hima.

''Yeroon baadiyyaa ture muudannoo yoomuu hin dagatamne hedduun qaba. Keessattuu halkanootan mukarra bule yoomuu hin dagadhu. Sagalee bineensotaa dhagahaan bula. Nama sodaachisa. Ni qorra. Mukarraan kufa jettee waan sodaattuuf hin raftu. Kanaafuu yeroo dheeraa osoo hin rafin dabarseera.''

''Magaalaatti ammoo yeroo tokko busaan na qabee baayyee dhukkubsadheen ture. Namni mana yaalaatti na geessu waan hin jirreef nan du'a jedhee abdii kuteen ture. Uffatii fi qaamni kiyya samaa waan tureef gara mana yaalaa deemuullee ni qaanfadhe, namni ofitti na qabullee hin turre. Abdii kutannaa yeroo dheera booda garuu fayyeera. Taatee sana yoomuu hin dagadhu.''

''Gaafa naaf dabarte namoota akkakoon gargaara jedheen yaadaa ture''

Ergan of danda'ee magaalaa Adaamaa galee xiyyeeffannaan kiyya namoota akakkoo daandiirra jiraatan gargaaruu ture jedha Ifaan.

''Asallaa irraa gara Adaamaa wayitan galu ijoollee kudhan gargaaruudhaan in hojii kana jalqabe. Ijoollee karaarra jiraatan kurnan kunneen barsiisuunin hojii eegale. Hojiin kiyya wayita beekamaa deemutti mootummaanis qaamoleen adda addaas na jajjabeessuu eegalan. Haala kanaanin cimee itti fufe.''

Yeroo ammaa ijoolleen nuti gargaaraa jirru kan jalqaba ittiin jalqaberra dachaa 10 oliin dabaleera jedha.

Waldaa Walgargaarsaa Ifaa Taliilaa

Barattoota harka-qalleeyyii fi karaarra jiraatan kudhan gargaaruun kan eegale Waldaan Walgargaarsaa Ifaa Taliilaa, yeroo ammaa ijoollee 105 barsiisaa jira.

''Barattoonni kunneen kanneen foormii hunda guutanii as jiraataniidha. Meeshaalee barnootaa kanneen akka Korojoo, dabtaraa fi kobbee akkasumas saamunaa, dibataa fi waan kaan ni kenninaaf'' jedhe Ifaan.

Ijoollee barattootaa qofa osoo hin taane haadholii deggersa barbaadanis bira dhaabbachaa akka jiru dubbata Ifaan.

''Tibbana haadhi tokko osoo nama tokkollee of biraa hin qabaatin Adaamaa keessatti wayita karaarratti deessu nutu karaarraa kaasee tajaajilaa ture. Ishee dabalatee haadholii 37 kan gargaarru qabna. Daabboo, zayitii, ashaboo, shukkaara, bunaa fi darbee darbees uffata ni kenninaaf.''

Dabalataan waldaansaanii namoota harka qalleeyyii naannoo masjiidaa fi bataskaanaa jiraatan akkasumas ijoollee karaarra jiraataniif laaqana qopheessuun akka sooran hima Ifaan.

Ifaan qofaasaa miti hojii tola ooltummaa kan raawwatu, namootarraas deggersa argatuun nama gargaara.

''Namoota fedhii qabanirraa uffata walitti qabeen warra karaarra jiraatan uwwisa. Nyaatas akkasuma. Haala kanaan dhiyeenyuma kana kanneen daandiirra jiraatan 60 caalan gargaareera,'' jedha.

Miidiyaan hawaasaa akkamiin waldicha tumse?

Hojii gargaarsaa kanaaf miidiyaan hawaasaa ga'ee guddaa gumaacheera jedha Ifaan.

''An feesbuukiirratti maxxansa. Namoonni immoo arganii anis nan gargaara jedhu. Namoota hedduuti ergaa naaf barreessu. Isa booda lakkoofsa herregaa kennineefii irratti gumaachu. Kan qaamumaan gargaarsa fidus jira,'' jedha.

''Namoonni hojii keenya hubatan deggersa meeshaalee barnootaa, nyaataa, uffataa fi maallaqaa nuu gochaa jiru, nutimmoo yerosuma namoota gargaarruuf dabarsina,'' jechuun attamiin akka hojjatan hima.

Ijoollee barattoota ta'an kanneen deggeraa jirru giddu gala tokkotti walitti qabnee osoo hin taane ''maatiimasaanii biratti yookiin bakkumasaan jiranitti gargaarra, ni hordofna, ni jajjabeessina'' jedha.

''Nama gargaaruuf abbaa qabeenya ta'uun ulaagaa miti''

Nama kaan gargaaruuf abbaa qabeenyaa ta'uun dirqama miti kan jedhu Ifaan, ofiisaa homaa osoo hin qabaatin garuu namootni hedduun akka gargaaramaniif ammoo sababa ta'uusaa hima.

''An homaa hin qabu, mana kireeffadheen jiraadha. Ogummaa miidhaginaa dubartootaa irratti leenji'een ba'e, amma mana miidhaginaa xiqqoo tokkon qaba. Haaluma kana keessa ta'een namoota garaagra, galii biraa hin qabu,'' jechuun hima.

''An miiliyeena qabaadhee osoo hin taane lapheen koo garuu miiliyeenara'' jechuun fedhii fi hamilee qabaannaan osoo tujaara hin ta'inuu walgargaaruun akka danda'amu gorsa.

Namuu waanuma qaburraa akka nama gargaaruu fi yoo ofii dadhabanillee namoonni kaan akka nama gargaaran gochuun akka barbaachisu gorsa Ifaan.''An hojiin gargaarsaa koo harka 80 ol kanarratti kan hundaa'eedha. An harkaa hin qabu garuu namootan dubbisa. Gargaarsi maallaqa namaaf hiruu qofa miti. Gorsaan hamilee nama jajjabeessuunis gargaarsa,'' jechuun barbaachisummaa amlee hima.

Fuulduratti maal yaadda?

Ifaan gara fuulduraatti mana barumsaa banuu akka barbaadu dubbata, karooras qabas jedha.

''Mana barumsaa ogummaa barsiisu banuun barbaada. Kan miidhaginaa, kan uffata hodhuu, hojii suphee dhawuu fi ogummaa kompiyuutaraa. Ijoolleen maatii harka qalleeyyii ogummaa kanneen keessaa waan fedhan akka baratanin fedha,'' jechuun hima.

Ijoolleen harka qalleeyyii ta'an kaffaltii tokko malee ogummaa baratanii akka jireenyasaanii fooyyessa gochuun karoora kooti jedhe Ifaan.