Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayirasii: Oromiyaa keessatti lakkoofsi namoota Covid-19n du'anii dabalaa jiraa?
Dhibeen Covid-19 naannoo Oromiyaatti aanaalee 336 fi magaalota 19 keessatti argameera.
Dhibichi naannoo Oromiyaa keessatti "lafa Inni hin geenye hin jiru" kan jedhan hogganaa itti aanaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Obbo Darajjee Abdannaa lakkoofsi namoota dhibichaan du'anii dabalaa jiraachuu himaniiru.
Akka naannichaatti ji'oota muraasa dura guyyaatti namoota 5,000 qorannoon dhibee Covid-19 taasifamaa kan ture yemmuu ta'u yeroo ammaatti garuu guyyaatti naannoo namoota 300 qofaaf qorannoon taasifamaa jira.
Kunis lakkoofsi namoota dhibeen Covid-19 irratti argamaa jiru xiqqaachaa kan jiru akka fakkaatu taasiseera.
Haa ta'u malee faca'iinsi dhibichaa hir'achuurra dabalaa jiraachuu kan himan Obbo Darajjee Abdannaa, "osoo qorannaan dabalee haalli dhukkuba kanaa dabalaa jira malee waan xiqqaataa jiru miti" jedhan.
Ji'oota muraasa dura namoota qorataman keessaa dhibbeentaa 5 hanga 6 kan ta'an dhibeen Covid-19 irratti argamaa kan ture yemmuu ta'u yeroo ammaa garuu dhibbeentaa 20 hanga 30 kan ta'an irratti dhibichi akka argamu himaniiru.
Qormaatni inni biraan immoo lakkoofsi namoota yaala cimaa barbaadanii dabaluu isaati.
"Yeroo ammaa kana namootni dhibee kanaan qabaman dabalaa jira. Gama biraatin immoo namootni guyyaa guyyaan dhibee kanaan baay'ee dhukkubsatanii kutaa yaala cimaa /ICU/ galan baay'ee dabalaa jira" jedhan Obbo Darajjeen.
"Akka Oromiyaatti duraan yeroo namootni kumaatamaan qoratamaa turanitti guyyaatti nama afur yookin shanii gaditu ICU galaa ture. Amma garuu nama 30 fi isaa oli kan dhukkubni itti hammaatee ICU galu" jechuunis himan.
Naannichi wiirtuuwwan yaalii 22 keessatti ogeeyyii fayyaa 1,200 ta'anin tajaajila wal'aanasaa Covid-19 kennaa jira.
"Koroonaa xiqqeessanii ilaaluu..."
Institiyuutin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa namootni tarkaanfiiwwan of eeggannoo dhibee Covid-19 ittisuuf fayyadan hojiirra akka oolchanif qajeelfama baasus akka naannoo Oromiyaatti geejibaan alatti yeroo hojiirra oolu baay'inaan hin mul'attu.
Qajeelfamichi dhaabbileen tajaajila kennan kunneen akka dhaabbilee mootummaa, dhaabbilee tajaajila geejibaa kennan akkasumas mannen soorataa fi dhugaatii keessatti kan tajaajila kennus ta'e argatu haguugii afaaniifi funyaanii /mask/ akka godhatan kan dirqisiisu ta'us qajeelfamni kun iddoowwan baay'eetti hojiirra oolaa hin jiru.
Gaheen Biiroo Fayyaa Oromiyaa hawaasni waa'ee dhibichaa hubannoo akka qabaatu gochuu ta'uu kan himan Obbo Darajjee Abdannaa, "hubannoo uumuu irratti hafeera kan jedhu hin qabnu jedhu.
"Yunivarsiitiiwwan walin ta'uun qorannoo adda addaa taasisaa turre, namni karaa koroonaan itti darbu fi akkatti ofirraa ittisan dhibbaa dhibbatti jechuu baannus baay'eensaa dhagaheera" jedhan.
Haa ta'u malee hawaasa bira ilaalchi Koroonaa akka dhibeetti ilaaluu dhiisuu akkasumas dhibichi akka nama hin ajjeesnetti xiqqeessanii ilaalun akka jiru dubbatan.
Ayyaanawwan fi of eeggannoo barbaachisu...
Ayyaanawwan as adeemaa jiran Qillee fi Cuuphaan kan namootni manaa manatti deemun itti wal gaafatan fi namootni heddun iddoo tokkotti itti walitti qabamanidha.
Kana malees gabaawwan ayyaanawwan kunneenif dhaabbatan irratti namootni heddun ni argamu.
Ayyaanawwan kanaan walqabatee namootni haguuggii afaaniifi funyaanii osoo hin godhatin tajaajilli akka hin kennamnef Ministeerri Fayyaa dadamaqiinsa uumuu eegaluusaa himu Obbo Darajjeen.
Bifa walfakkaatun nuyis caasaa keenya sadarkaan jiran dhimma kanarratti hawaasaaf hubannoo akka uuman akkasumas miidiyaalee naannoo keenya jiran fayyadamun hubannoon akka dabalu wanti jalqabne jira jedhan.
Haa ta'u malee "fayyaasaaratti kan murteessu abbaadha" kan jedhan Obbo Darajjeen "inni jalqabaa of oolchuudha, namni fayyaa isaatif waardiyyaa dhaabbachuu qaba" jedhan.
Kana malees dhaabbileen mootummaa tarkaanfilee of eeggannoo malee tajaajila kennuu akka hin qabne dhaamunis akka waliigalaatti hojiin ittisaa fi to'annoo dhibee Covid-19 tumsa kutaalee hawaasaa maraa kan gaafatu ta'uu himaniiru.
Gama biraatin akka biyyaatti faca'iinsi dhibee Covid-19 akkasumas lakkoofsi namoota yaala cimaa /ICU/ barbaadanii dabalaa jiraachuu Ministeerri Fayyaa beeksisuunsaa ni yaadatama.