Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tiraampi namoota qorannoo Raashiyaan walqabatee hidhamaniif dhiifama godhan
Donaald Tiraampi namoota lama qorannoo duula filannoo pirezidaantummaa bara 2016 irratti odeeffannoo sobaa FBI'f kennuun hidhaman lama dabalatee namoota 15 dhiifamaan akka gadhiifaman ajajan.
Gargaaraan duraanii duula filannoo Joorji Paapadopolos fi abbaan alangaa Aleeksi Van der Ziwaan kanneen dhiifama pirezidaantichaa argatan keessaatti argamu.
Tiraampi eegdota nageenyaa afur ajjeechaa Iraaq bara 2007 keessatti hirmaatan fi miseensa kongireensii duraanii lamaaf akkasuma dhiifama taasisaniiru.
Osoo masaraa mootummaa hin gadhiisiin dura hidhamtoota hedduuf dhiifama godhu jedhamee eegama. Ameerikaa keessatti pirezidaantiin tokko yeroo aangoo gadhiisuuf jedhumirga isaatti fayyadamee namoota baay'eef dhiifama gochuun waanuma baramedha.
Joorji Paapadopolos fi abbaan alangaa Aleeksi Van der Ziwaan yeroo gabaabaaf hidhaa irra turan.
Joorji Paapadopolos bara 2017 keessa qorannoo FBI Raashiyaan filannoo bara 2016 keessa harka galfachuu qorataa turetti yeroo akkamii akka wal argee ture sobuu isaan hidhame.
Qorannoo addaa Roobert Muuler gaggeessaniin gargaartota duula filannoo Tiraamoi keessaa nama tokkicha hidhamedha.
Qorannicha irratti waan jedhes Raashiyaa irraa namoota lama waliin wal argeera. Garuu duula Tiraampi irratti hojjechuu osoo hin jalqabiin duradha jedhe. Haa tahu malee kan jara waliin wal argee mari'ate erga duula filannoo Tiraampitti makameeti.
Tiwiitera isaa irratti Tiraampiin galateeffachuun dhiifamni kuni ''adunyaa kana anaafi maatiikoof'' jechuudha jechuun gammachuusaanii ibsatan.
Van der Ziwaan yeroo qorannaa sanatti ragaa sobaa kennuu isaa amaneera. Tiraampi qorannaa Muuler irra deddeebiin ''dubbii sobaati'' jechuun qeeqaa turan.
Waayit Haawus ibsa baaseen ''dhiifamni har'aa kun dogogora gareen Muuler hojjete sirreessuuf kan gargaaru'' jedhe.
Dabalataan seera baastotni paartii Rippaabilikaanotaa Kiriis Kooliinsi fi Daankaan Hanter keessatti argamu. Miseensi Kongirensii Niw Yoorki Kooliinsi bara deeggaraa Tiraampi yoo tahu bara 2019 keessa daldala keessoon yakka hojjeteera jedhamuun hidhaa ji'oota 26 adabamanii ture.
Miseensi Kongireensii Kaalifoorniyaa Hanter ammoo maallaqa duulaaf bahe akka malee fayyadamte jedhamuun hidhaa ji'a 11'n adabamee ture.
Eegdotni nageenyaa afur bara Iraaq magaalaa Baagidaaditti namoota 14 ajjeesuun himataman ammoo waggaa jaha dura ture kan himatamanii hidhaan irratti murame.
Haleellaa eegdotni arfan geessisan akka adunyaatti balaaleffatamuun mormii guddaas kaasee ture. Pirezidaanti Tiraampi ji'a darbes gorsaa dhimma nageenyaa isaanii suraanii kan tahan Mikaa'el Filaayiniif dhiifama godhanii akka gadhiifama taasisaniiru.
Mikaa'el Filaayin FBItti ragaa sobaa himuun ture kan balleessaadha jedhaman.
Obaamaan yeroo aangoo gadhiise bara 2017tti namoota 212 tahaniif dhiifama godhaniiru. 1,715 kan tahaniif ammoo adabbii salphisaniiru.
Erga bara 1940 fi 1950 as Obaamaan pirezidaantii jalqabaa namoota hedduuf dhiifama taasisuun hidhaatii baasan tahaniiru. Tiraampi ammuma namoota 40 tahaniif dhiifama taasisaniiru.
Qorannoon akka jedhutti ammoo dhifama Tiraampi taasisaa jiran namoota dhuunfaan ykn siyaasaan hidhata qabaniif.