Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kaadhimamtoonni akaadaamii waraanaa US qormaata hatan
Kaadhimamtoonni qondaala akaadamii waraana Ameerikaa isa guddaa ta'ee hedduun qormaata herrega karaa olaayiniin hatuu, qondaaltoonni biyyatti himan.
Kunis salphiina hanna qormaataa isa olaanaa jaarrawwan keessatti akaadaamii loltummaa US mudateedha jedhan qondaaltoonni.
Barattoonni 70 ol ta'aniifi sababii Covid-19n fageenya irraa barnoota hordofaa turan, qormaata herreegaatiin Naamusa Kabaja Kaadhimamaa Waraanaa Weest Poyint (West Point's Cadet Honor Code) cabsuun komataman.
Irra jireessi kaadhimamtootaas qormaaticha hatusaanii amananiiru.
Barsiiftoonni wayita qormaata kaalkulasii qabxii kennaniitti garaa garummaawwan waan hubataniif shakkiin itti umame.
Kanneen keessaayis kaadhimamtoonni 72 kan waggaa tokkooffaa barataa jiran yoo tahu, kaan barattoota waggaa lamataati.
Kanneen qormaaticha hatu amanan keessaa 55 isaanii sagantaa bayyanachiisuu baatii jahaatti ergamaniiru. Kana malees yeroo turtiisaanii Weest Poyinti keessaa hafeetti ammoo akeekkachisa keessa turu jechuun midiyaan biyyatti kan gabaase.
Kaan isaanii irratti garaagarummaan waan hin argamneef ykn kaadhimamtoonni barnooticha waan dhaabaniif dhimmisaanii adda citeera. Baayyeen isaanis adabamuuf ykn arrii'atamuuf murteessuuf dhaddacha boordii barattootaa fulduratti dhiyaatu.
Saamusini Kabaja Kaadhimamtoota kan dhagaa irratti barraa'ees akkasi jedha: ''Kaadhimamaan hin sobu, hin hatu, ykn kanneen kana raawwataniif obsa hin qabu.''
''Sirni kabajaa Weest Poyint baayyee cimaafi kan akka yaadameetti hojjatuudha'' jedhan Leetanaal Janaraal Wiiliyaams bulchaa olaanaan akaadamichaa ibsa midiyaattiif kennaniin.
''Tibba weeraraatti sadarkaa akaadaamii keenyaa akka cimuuf murtee itti yaadnetuma dabarsine. Kaadhimamatootaas sadarkaadhuma sanaan qabanna.''
Hanni ammaa kunis erga bara 1976 kan kaadhimamtoonni 153 qormaata injinariingii hatuun ittiin arri'atamniin ykn barnoota dhaabaniitiin as dhaabbaticha yoo mudatu kan jalqabaati jechuun, maddi oduu AFP gabaaseera.
Weest Pooyinti kan Magaalaa Niiw Yookii gara kaabaatti fageenya km 100 irratti argamuus, bakka leenjitoonni janaraaloota beekammoo Ameerikaa irraa eebbifamaniidha.