Ilmi mootii Saawudii Mohammad bin Salmaan garee ajjeechaa raawwatu Kaanaadaatti erguu haalan

Ilma mootii Saawudii Mohaammad bin Saalmaan

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame

Mootiin Saawud Arabiyaa Mohaamad bin Salmaan himannaa qondaala tikaa biyyattii duranii amma baqarra jiru ajjeesisuuf garee ergeera jedhu balaaleeffatan.

Himannaa US'tti irratti banameen, Saad al- Jaabri qondaalii tikaa duraanii Sawudii yaaliin ajjeechaa waggoota sadii dura Kaanaadaatti irratti aggamamu himu

Waan baayyee waan beekuuf Mohaamd bin Salmaan akka du'u baayyee barbaada jedhe.

Haa ta'u mootiichi Jaabriin kana jechuunsaa yakkasaa balleessuu barbaadeeti jedhan.

Akkasumas duree biyya walabaa waan ta'aniif himatamu irraa bilisa ta'u kaasan.

Haa ta'u malees, Jaabriin Seera Eguumsa Saaxilamtoota Dararaa kan bara 1991 kan lammiin biyya alaa miidhaa sarbama mirgoota namoomaatiif US keessatti ittiin iyyachu dandeessisuun himannaa kana mooticha irratti banan.

Abukaatoon mootichaa akka jedhaniitti, himannaan Jaabrii ''daraamaadhaa'' jechuun tuffatan.

Jaabrii gaheessi umuriin waggaa 61 eejansiiwwan basaasaa MI6 Biriteen fi kannneen biyyoota Lixaa kaaniif Saawudii keessatti waggoota dheeraaf nama murteessoo turan.

Mohaammad bin Saalmaan maaliin himatani?

Himannaan fuula 106 qabuufi Waashingitan DC keessatti Hagayya darbe dhiyaate kunis, mootichi Jabriin ''odeeffannoo murteessaa'' waan harkaa qabuuf ajjeessuu yaalii taasisaniiru kan jedhu ture.

Saad al-Jaabri gidduudhaa mul'ata

Madda suuraa, Bandar al-Galoud

Sanadichi dabaluunis odeeffannoowwan akka miseensota Garee Qeerransaa fa'i akka beeku hima.

Miseensoonni garee Qeeransa (Tiger Squad) kanneen ajjeechaa gaazexeessaa beekamaa Jamaal Kaashogjii bara 2018tti Qontsilaa biyyattii Istaanbul argamu keessa raawwatamee keessaatti hirmaataniiru jedhu.

Obbo Jaabriin erga bara 2017 gara Kaanaadaatti baqataniin boodas mootichi gara biyyaatti isa deebisuuf yaaliiwwan garaa garaa taasisuu himu.

Isaan boodas erga Jamaal Kaashogjiin ajjeefamee torban lamaan booda, gareen Qeeransaa kun isa ajjeesuuf gara Kaanaadaatti imalu himu Obbo Jaabriin.

Himannaan mana murtichaa akka jedhuuttis, gareen kuni boorsaa meeshaa qorannoo qabu lama qabatanii turan.

Haata'u malee, eegdoonni daangaa Kaanaadaa garicha ''atattamaan shakkuun'' erga gaaffiifi deebii waliin taasisanii booda akka hinseeneef didaniiru.

Mootichi deebii attamii kennan?

Mohaammad bin Salmaan iyyannaa mana murtii haaraan, Obbo Jaabriin yakka mataasaa dhokfachuuf yaalaa jira jedhan.

Iyyannichaan Obbo Jaabriifi kaan isa waliin ta'un doolaara biiliyoona 11 ta'u fandii motummaa keessaa haala malee baasan ykn hataniiru jedha. Obbo Jaabriin garuu kana hin fudhatan.

Bin Saalmaan Tiraamp waliin

Madda suuraa, Getty Images

Saad al-Jaabri eenyuu?

Waggoota dheeraaf nama baayyee Mootiichatti siqaniifi kan baayyee fudhatama qaban turan. Keessattuu bara 2000'wwan keessa lootee galtoota al-Qaa'iidaa mo'achuun baayyee leellifamu ture.

Akkasumas walitti dhufeenyawwan Saawudiin eejansiiwwan tikaa biyyoota akka US, UK, Kaanaadaa, Niiw Laand fa'i waliin qabdu keessatti nama murteessaa turan.

Obbo Jaabrii gara sadarkaa ministira kaabiineetti ol guddifamuun ministira Haajaa alaa biyyattii keessatti sadarkaa qondaalaa meejar janaraalaa qabatanii ture. Garuu bara 2015tti wanti hunduu geeddarame.

Mootii Abullaah duunaan obboleessi isaanii Salmaan aangoo qabatan. Isaaniis ilma isaanii Mohaammad bin Salmaan (MBS jedhamanii beekaman) Ministira Raayyaa Ittisaa gochuun muudan.

Innis bara 2017 keessa eebba abbaa isaatiin osoo dhiigni hin dhangala'in fonqolcha gaggeessan. Kunis, nama aangoo biyya bulchu itti aanu qabachuuf jedhan mootii Mohaammad bin Naayef aangoorraa kaasan.

Kanaan wal qabatees kanneen isaaf hojjataa turan hundi eddoo kaafaman. Mr Jaabrii wayita sana gara Kaanaadaatti baqatan.