Poolisiin muka Qillee suuraa shakkamtootaan midhaassuun aarii kaase

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 1

Waajirri poolisii (sheriff) Ameerikaa kutaa Alaabaamaa keessaa, erga muka ayyaana Qillee suuraa shakkamtootaan faayee booda, qeeqa hedduu kessummeesse.

Waajirichi faayaalee kanneen "thugshots" jechuun fuula Facebook irratti erga maxxansee booda, namoonni kumaatamatti lakka'aman yaada mormii irratti kennaniiru.

Gareen mirgaa naannichaa maxxansi kun ''daran hamaadha'' jedhan.

Dubbi himtuun waajjira 'Poolisii' Kaawuntii Mobaayil suurichi rakkoo homaatuu hinqabu jechuun falman. Maxxansichi yakkamtoota irra deddeebiin balleessan bakka bu'a jedhan.

Maxxansa Facebook irratti suuraa kana waliin gadhiiseen, waajirichi waan jedhe: "Muka ayyaanaa keenya THUGSHOTS'n midhaassineerra. Kunis shiftoota meeqa daandiiwwan magaalaa Mobaayil irraa akka qulqulleessine agarsiisa! Hordoftoota keenya amanamoo malee kan milkeessuu hin dandeenyu turre! "

Maxxansi ergasii booda haqame kun yaada yookaan komentii 7,900 irratti kennamee ture, Associtaed Press akka gabaasetti.

Yaadota kennaman keessaa muraasni kan deeggaran tahanis, namoonni hedduun garuu suuraaleen akka faayaatti achirra kaa'aman kabajaa namaa kan gadi buusaniifi gara-jabina agarsiisa jedhaniiru.

Gamtaan Walabummaa Mirgoota Siivilii Ameerikaa (ACLU) muka kana balaaleeffachuun, ''kan qoqqooduufi gara jabeessadha,'' jedheera.

Daarektarri dhaabbata kanaa JaTaune Bosby akka jedhanitti, kanneen to'annoo jala oolan garri caalu kanneen rakkoo fayyaa sammuu fi qoricha garmalee fayyadamuu kan qabanidha.

''Qarqaarsaafi kunuunsa hawaasaa barbaadu malee, hooggantootaan kabajni irraa mulqamuu hinqabu.''

Dubbi himtuun waajira sheriff (Qaama poolisii Ameerikaatti) miidiyaa AI.com jedhamutti akka himtetti, suuraan kun dhugumaan waan mukicharra taa'e osoo hin taane, fotooshooppiin kompitara gubbaa kan midhaaffamedha.

Dubbi himtuun Lori Myles akka jettetti, ''Mukni ayyaanaa kun waan gaarii agarsiisa. Yakkamtoota kana daandiirraa qulqulleessuu dandeenyeerra''.

Aadde Looriin miidiyaa kaanitti akka himtetti ammoo, ergaan sodaa du'aa erga ishee qaqqabee booda, maxxansicha kaasuu dubbatti.