Dubartii yeroo weeraraa kanatti Facebook irratti nama kalee arjoomuuf barbaadaa jirtu

Maxxanfame

"Tarii onneen kiyya hojjachuu dhaabdee boru hirribaa ka’uu dhabuun mala dhugaa jedhu keessan jira."

Diyaanaa Isaajeevaa nama lubbuun jiruufi kalee isheef arjoomu danda’u barbaacha Feesbuukiifi miidiyaa hawaasaa biraa ‘Nextdoor’ jedhamurratti kadhaa baateetti.

Dubartiin ganna 27 Leekwiiz Kaardiif jiraattu kun, tibba weeraraa wanti hundi cufame kanatti kaleenshee guutummaatti hojii dhaabee jira.

Mootummaan Weelsi akka jedhutti "dooktaroonni fedhii jijjiirraa kaleefi weerara Covid-19 wal madaalsisuu qabu".

Liituweeniyaa irraa kan dhufte Diyaanaan, Kaardiif keessa waggaa 15’f jiraatte.

Ganama tokko hirribaa kaatu mormi ishee dhukkubaa kan turte dubartiin kun, barattuu seeraa waggaa jalqabaa turte: "Akka malee waanan rafeef natti fakkaatee ture, takka turee garuu wal-qabsiiftuun qaama kootii iita’uu eegalani, nyaata nyaachuu, rafuu ykn adeemuun rakkisaa ta’e, dhukkubbii cimaanis hiraaruun eegale."

Qorannoowwan irra deddeebiin taasifamaniin booda lubbuusheef yaaddoo kan ta’e dhukkuba ‘lupus’ jedhamu qabaachuun itti himamee kutaaleen qaamashees hojjachuu dhaabuu eegalani.

"Yeroo umuriinkoo 19 turetti dooktaroonni lubbuu kiyya oolchanii keemooteeraappii taasiseen ture, sanatu kalee kiyya hube," jetti.

"Keemooteeraappiin waggaa saddeetiif taasifamu qaama kan miidhu yoo ta’u, akka carraa ta’ees kaleen kiyya balaarraa ooluu hin dandeenye."

Qorannoon dhiigaa ji’a ji’aan isheef taasifamu sababa weerara kanaatiin kan baatii afuriif achi hiiqe yoo ta’u, yaaliin keemooteeraappii taasiftus torbanoota 10 oliif turfameera.

"Kutaan wal’aansa kalee gara kutaa wal’aansa Covid-19’tti jijjiiramuunsaa naaf gala, dooktaroonnis namoota vaayirasichaan qabaman yaaluuf tumsuu isaanii na hubadha, garuu haalli kiyya ariitiin babbadee lubbuun kiyyas balaaf dafee saaxilameera."

Haala kaleenshee amma keessa jiruun falli lubbuun jiraachuuf qabdu kalee haaraa argachuudha jedhu dooktaroonni.

Bakka nama hammatee na jajjabeessu hin qabnetti du’uuf jirta oduun jedhu yoo namatti himamu sodaachisaafi ulfaataadha.

Diyaanaan, maatiinshee hundi UK keessa waan hin jirreef namni kennuuf hin jiru, kaadhimaanshee Saandiip ammoo kalee isheef kennuu waan hin dandeenyeef gara ummataatti fuula deebifatte.

"Barreeffaman dubbise tokkotu nakakaase, dooktara kiyya duula wayii banuun fedha jedhee gaafannaan akka nadeeggartu natti himtee Feesbuuk gubbaa maxxanse, amma suuta gaarii ta’aa jira," jette.

"Namoonni addunyaa mararraa deebii naaf kennaa jiru, wal-makaa ta’us baay’innisaa kan najajjabeessudha. Kan shakkanis jiru, warri sitti gurgurra jedhanis akkasuma, ergaan hedduun garuu ergaa deeggarsaafi arjummaati.

''Silaa osoon kalee argadhee, jireenyikoo jijjiiramee, akka lammata dhalachuu naaf ta’a ture. Heerumee hojiikoos ittan fufa."

Mootummaan Weelsi gamasaatiin: "Dhimma namoota dhuunfaa irratti yaada hin kenninu, waa’ee dubartii kanaa waan dhageenyetti garuu gaddinee jirra. Wal’aansa taasifamaafii jiru irratti carraa gaarii hawwinaafi.

‘‘Kalee jijjiiruun sababa weerarichaan adda citee kan ture ta’us amma eegalee jira, haata’u malee fedhiin jijjiirraa kaleefi tatamsa’ina Covid-19 akka wal-madaaluuf gareewwan hojii kana hojjatan xiyyeeffachuu qabu,’’ jedhe.