Covid-19: Waldaa Kiristaanaa sababii weerara Covid-19n gaggeessitootashee dhabaa jirtu

Madda suuraa, Getty Images
Waldaa Ortodoksii Sarbiyaa caalaa dhaabbilee sababii koronaavaayirasitiin miidhaa olaanaaf saaxilaman daran muraasadha.
Baatiiwwan lamaan darban keessa, dhaabbilee amantaa sababii Covid-19n dhiibbaa olaanaan irra qaqqabe keessaa tokko waldaa amantaa Ortodoksii Sarbiyaa tokko.
Waldittiinis Magaalaa Sarbiyaafi Montengiroo keessatti dureewwan waldaa dhabdee jirti.
Aanga'oonni waldittis erga weerarichi mudateen boodas, haaluma dura barameetiin waaqeeffannaafi tajaajilawwan itti fufuunsaanii balaa dhukkubichaatiif saaxilamtoota isaan taasisuu dubbatu qeeqxoonni.
Mudannoon du'aatii waldittii keessatti baatiiwwan lamaan darbaniif mudate baayyee naasisaa ture:
- Baatii darbe phaaphaasiin gameessi waldaa Montengiroo, Amfiilohiije Raadoviich Covid'n qabamuun du'an.
- Itti aansees phaaphaasiin ogannaa waldichaa ammoo erga awwaalcha hiriyaa isaanii irratti argamanii booda Covid-19n qabamuun du'an.
- Torban darbee ammoo phaaphaasiin Deeviid akkasumas sirna awwaalchaa lubaa irratti argamuun nama lammaffaa du'an.
- Bakka bu'aan phaaphaasii Amifiilohiije lubni Jowaankiijeenis sababii Covidiin baayyee dhukkubsataniif bakka bu'uun hojiisaanii haalaan raawwachu hindandeenyee jedhameera.
Aanga'oonni waldittii ammaan tanatti baayyeensaanii kan koronaavaayirasiin du'an, kaan ammoo kan dhukkubsatan ta'anilleen, waldaan Ortodoksii ammalleen jiddugala jireenya ummata baay'eeti.
Sababii Covid-19tiin manneen barnootaa irra caalli gara onlaayiniitti geeddaramanis, waldittiin garuu kennaa qulqulluu qaamaan kennuu hindhaabne. Yeroo tokko tokkoos uggura namoota shanii ol caalaan walitti qabamuu hindanda'amu jedheelleen ni cabsama.
''Sababii weerarichaatiin lakkoofsi amantootaa hanga tokko hir'atulleen, waldaa Ortodoksii hedduu keessatti ammalleen namoonni baayyeen walitti qabamuu itti fufaniiru,'' jedhu xinxalaan dhimmoota amantaa Zaliko Injaak.
''Hawaasa Sarbiyaa biratti waldaan kabaja olaanaa qabdi; sirumaa biyyattii ykn dhaabbilee biyyaaleessaa kamuu caalaa kabajamtuudha.

Madda suuraa, EPA

"Biyyoota Baalkaansii fi baha Awurooppaa keessatti sirnoonni motummaa, siyaasaa, ilaalchiifi bulchiinsii geeddaramuus, ummanni garuu gama siyaasaatiinis ta'ee gama diinagdeetiin fooyya'insa omaa hinarganne. Kan yeroo hunda ummataaf dhaabbataa ta'e waldaa qofaadha,'' jedhu.
Haata'u malee haala sirna awwaalcha dureewwan gurguddoo lamaanii irratti qeequmsa cimaatu waldaa kanarratti irratti ka'aa jira.
Fakkeenyaaf magaalaa guddoo Montenegiroo keessatti namoonni bo'aa gahan miilaafi mataa reeffaa phaaphaasii Amiifiilohijee dhungachuun kabaja isaanii mul'isaa turan.
Tarii kunis phaaphaasichi wayita lubbuun jiran hojiin amantaa 'talaallii Waaqaati' jechuun kan barsiisan sana fudhatanii ta'uu danda'a ta'a.

Madda suuraa, Getty Images
Tibba awwaalcha Paatiriyaarikii Irinejii kan waldaa Qulqulluu Saavaa Beelgredii keessatti namoonni fageenyasaanii akka eeggatan taasifamee ture.
Haa ta'u malee ammoo guyyoota awwaalchaatiin duratti seerri fageenya eeggachuu kaa'amee eegamaa hinturre jedhameera.
Baayyeen isaaniis ofiilaalii saanduuqa reeffaa irraa dhungachuun nagaa dhaamaa turan. Akkasumas hirmaattonni fallaana tokkicha irraa kennaa qulqulluu waliin fudhataa turan.
Haalli kunis kan ''qulqullinnisaa eegame waan hintaaneef balaa faalamuu qabaachuu danda'a'' jedhu qorataan dhukkuboota daddarboo Piredraag Dijurik BBC Seribiyaatti akka himaniitti.
Innis waldittiin haala tajaajila ishee akka fooyyeessituuf waamicha diyeessuun, kun ta'uu yoo baate ammoo motummaan jidduu galuu qabaata jedhan.
Kana malees walgahiiwwan hundi bakka dhorkamanitti, waldaan maaliif namoota baayyeen sirna awwaalchaa akka gaggeessaa jirtu irratti gaaffii kaasu.
"Ajajniifi qajeelfamni muraasa irratti hojiirra akka hinoollee ergaa badaa dabarseera. Kunis gara fuula duraatti ummanni ajajaafi qajeelfamootaaf abboomamuufi amantaa qabaachuu irratti dhiibbaa mataasaa qabaata,'' jedhan.

Madda suuraa, Reuters
Hojjattoonni fayyaas sirna awwaalcha paatiriyaarikichaatiin wal qabatee namoonni vaayirasichaan qabaman heddummaachuu hinoolu jechuun qophii taasisaa jiru.
Dhiheenya keessa ammoo lakkoofsi namoota haaraa vaayirasichaan qabaman dabalaa dhufuunsaa yaaddeessaa ta'eera jedhameera.
Pirezidaantiin biyyattii Aleeksaandaar Vukiik gama isaanitiin, ''itti gaafatamummaan fudhatamuu yoo baatee haala sukkaneessaa keessa galuuf deemaa jirra,'' jechuun akeekkachiisaniiru.
Aanga'oonniifi luboonni ammoo kallattii ilaalchisee Sinodoosii Qulqulluu irraa eeggataa jira jedhan.
Haa ta'u malee miseensoonni qaama sanaatiis sababii namoota du'aniifi hospitaala galanitiin shan irraa sadiitti hir'ateera. Kanaafuu yoom akka kallattii kennuu danda'an irratti wanti ifa ta'e hinjiru.
Haaluma walfakkaatuunis, yaadannoo guyyaa torbaa paatiriyaarikichaa dabalatee tajaajilli akkuma itti fufeetti jira. Suuraan tajaajila Jimaataa irratti kaafame akka mul'iseetti, ammas luboonni maaskii uffataa hinjiran.















