Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tarkiin namoota bara 2016 Erdogan fonqolchuuf yaalan umrii guutuun adabde
Manni Murtii Tarkii qondaaltota waraanaa fi kaan 337 kanneen yaalii fonqolcha mootummaa bara 2016 keessaa harka qaban irratti hidhaa umrii guutuu dabarse.
Ajajoonni humna qilleensaa fi lafoo, qondaaltota 500 Pirezidaanti Tayyib Erdogaan aangoorraa fonqolchuuf yaalan keessaati.
Qondaaltonni waraanaa gameeyyiin kunneen buufata dhiyeenya magaalaa Ankaaraatti dhiyoo jirtu Akinci jedhamturraa yaalii fonqolchaa qindeessan jedhamuun himataman.
Pirezidaant Erdogaan akka jedhanitti dureen amantii Islaamaa US jiraatan Fatullaah Gulen yaalii fonqolchaa hidhamuu namoota hedduuf sababa ta'e kana qindeessaniiru.
Fathullaah Gulen garuu yaalii fonqolchaa bara 2016 raawwate kan namoonni 251 ta'an irratti du'an fi 2,000 kan caalan ammoo madaa'an keessaa harka hin qabu jechuun waakkatan.
Wayita yaaliin fonqolchaa raawwate sana pirezidaant Erdogaan boqonnaaf ba'anii rizoortii tokko keessa turan.
Wayita taateen sun mudate lammiileen biyyattii kumaatamaan lakkaa'aman hiriira ba'uun kanneen yaalii fonqolchaa gaggeessan akka aangoo hin qabanne mormaa turan.
Himati kun bara 2017 kan eegale yoo ta'u, qondaaltonni kunneen hedduunsaanii pirezidaantii ajjeesuun aangoowwan mootummaa ijoo ta'an qabachuuf yaaluudhaan himataman.
Qondaaltonni Erdogaan fonqolchuuf shira xaxan jalqaba buufata humna qilleensaa Akinci jedhamutti xiyyaara waraanaa to'atan, isa booda ammoo dursaa waraanaa fi qondaaltota waraanaa biroo ukkaamsanii fudhatan.
Ajajaan humna qilleensaa duraanii biyyattii Akin Ozturk bara darbe hidhaa umrii guutuun irratti murtaa'e.
Paayileetonni 25 xiyyaarota waraanaa F-16 jedhamaniin iddoowwan ijoo ta'an boombiidhaan barbadeessan.
Paarlaamaa fi gamoon humna nageenyaa biyyattii kanneen haleelaman keessaati.
Haleellaa boombii sanaan jiraattonni magaalaa Ankaaraa 68 yoo du'an 200 kan caalan ammoo madaa'aniiru.
Kanneen hidhaan itti murtaa'e keessaa qondaaltonni olaanoon waraanaa 10 fi namoonni siiviliin afur hidhaa cimaa umrii guutuun adabamaniiru.
Haalli qabiinsa adabamtoota kunneeniis kan hidhamtootaa kaaniirraa adda jedhameera
Duree amantii Islaamaa US jiran Fathullaah Gulen fi barsiisaa tiyooloojii kan ta'an Abdi Oksuz dabalatee namoonni ja'a ammoo bakka qaamaan hin argamnetti himatamaniiru.
Yaalii fonqolcha mootummaa Tarkii booda hojjettoonni mootummaa 100,000 caalan hari'amaniiru.
Fonqolcha mootummaa keessatti hirmaatan jedhamuun namoonni himataman hedduudha.
Manni murtii biyyattii hanga namoota 2,500 caalan hidhaan umrii guutuun adabuuf akka jiru ibseera.