Barsiiftuu Afriikaa Kibbaa badhaasa barsiisotaa addunyaaf kaadhimamte

Maxxanfame

Badhaasa barsiisaa sadarkaa idil-addunyaa baranaaf barsiisonni 10 marsaa xumuraaf calalamaniiru.

Badhaasni kuni waggaa waggaan kennama. Kanneen marsaa xumuraaf ga'an keessaa tokko barsiiftuu Afriikaa Kibbaa Mokuduu Saayintiyaa dha.

Barsiisonni ogummaasaaniin bu'aa addaa argamsiisan xumura bara faranjootaa irratti wayita badhaafaman maallaqa doolaara Ameerikaa miiliyoona tokko argatu.

Dorgommii baranaaf barsiisonni kuma 12 biyyoota 140 irraa kan hirmaatan yoo ta'u barsiiftuu Mokuduunis marsaa xumuraa keessa kan seente qormaata kana hunda keessa dabarteeti.

Mokuduu Saayintiyaa Maachaabaa Kutaa Kaaba Afriikaa Kibbaa iddoo Limpooppoo jedhamtu keessatti barsiiftuu mana barumsaa sadarkaa jalqabaati.

Barsiiftuu kun mala ittiin barattoota ishee barsiiftuu fi barattooni barnootarratti fedhii akka cimsan gochuu keessatti tooftaa dhimma itti ba'aa turte akkanaan BBC'tti himte.

"Malli baruu fi barsiisuu an fayyadamu pirojektii barnootaa an hundeesserraa kan maddeedha. Gochaan agarsiisuu fi shaakalarratti hundaa'uun barsiisuuf galteewwan nu fayyadan jiru.

''Dabalataan, beekumsa ganamaa biyyattiin qabduttis nan fayyadama. Beekumsa ganamaa biyya keenya keessa jiru fayyadamuun akkamiin wantoota adda addaa hojjechuun hojjechuun akka danda'amu kutaalee hawaasaa garaagaraa nan barsiisa.

''Hawaasa naannoos irrattin hirmaachisa. Haala kanaan barattoonni ofitti amanummaa guddaa akka horatan gochuu danda'eera.''

Barsiiftuu Mokuduu Saayintiyaa Machaabaa barattoonni mul'ata fagoo akka qabaatanii fi kanneen yuunivarsitii seenan deebi'anii akka ishee galateeffatan akka jajjabeessitu dubbatti.

Badhaasa barsiisota filatamoo addunyaa kana bara darbe kan argatan barsiisaa Keeniyaa mana barumsaa warra kaatoolikii kan ta'an Piitar Taabichii turan.

Barsiisaa Piitar Taabichii wayita sana Waayit Haawus daawwatee pirezidaant Doonaald Tiraampiin walarguu danda'eera.

Barsiisaa Piitar mana barumsaa sadarkaa lammaffaa magaalaa Naayiroobiirraa gara bahaatti kiilomeetira 188 fagaattee argamtu tokkotti barsiisaa saayinsiiti.

Barsiisaan kun miindaasaa irraa harka 80 kutuun daa'imman harka qalleeyyii gargaaruun hojii fakkeenyummaa qabu hojjechuun beekama.

Barsiisaa Piitar jaalala ogummaasaaf qabuu fi jaalala barattoota keessatti bu'uuresseen mana barumsaa hanqina meeshaa barnootaa qabdu sadarkaa addunyaatti dorgommii saayinsii akka mo'attu godheera.