Hojjataan tajaajila fayyaa Israa’el suuraa Iyyasuusitti hancufa tufe hojiirraa ari'ame

Madda suuraa, Getty Images
Konkolaachisaan ambulaansii Israa’el qorannoo koronaavaayirasiif gara mana hodoftootni amantii Kiristaanaa itti heddumatan dhaqee, otoo suuraa Iyyaasuusitti hancufa tufuu kaameeraan waraabame hojiisaarraa ari'ame.
Namtichi haguuggii isaa ofirraa erga baase booda, suuraa dhaaba galma walga’ii hawaasaa Jaffaa, Telaaviivitti argamutti si’a sadii hancufa tufe.
Namtichi maaliif akkas raawwatta jedhamee wayita gaafatamu suurichi fakkeenya waaqa tolfamaa kan kitaaba qulqulluu Hibiruu keessatti ‘dhorkamudha’ jedhee falmeera.
Qaamni tajaajila ambulaansii Israa’elitti kennu garuu ''gochaasaa cimseen balaaleeffadha'' jedhe.
Hojjattaan tajaajila ambulaansii biyyattii Magin Deevid Adom (MDA) jedhamu, gochi namtichaa ‘’dhaabbaticha bakka hin bu’u’’ jedhee fudhatama dhabsiiseera.
Gochi kunis Dilbata darbe kana kan raawwatame yoo ta’u, ogeeyyiin fayyaa gamoo hordoftoonnii amantii Kiristaanaa hordofan irra jiraatan wayita dhaqabaniitti raawwatame ture.
Kaameeraa odeeffannoo funaanuuf fannifame tokkorratti konkolaachisaan ambulaansii sun maaskii ofirraa erga baase booda, walitti aansee yeroo sadii hancufa yeroo itti tufu agarsiise.
Konkolaachisaan ambulaansi sun wayita gamoo iddoo jireenya kana keessaa bahuuf jedhutti, mormii isa mudate immoo namni gamoo kana keessa jiraatu bilbila moobaayiliisaatiin waraabe ture.
Namni kireeffatee gamoo kana keessa jiraatu tokko maalif suurichatti hancufa tufta? jedhee gaafannaan, konkolachisaan ambulaansii sunimmoo ''Judaayizm keessatti waaqeffannaa dhorkamuudha'' jedhee deebiseef.
Namni gamoo sana keessa jiraatu ’’suura koorratti hancufa tufte, nuti itti amanna, ijaa kootiin otoon arguu fi kaameraa duratti itti tufte, maaliif kana raawwatte?’’ jedhe gaafatee ture.
Hojjataan tajaajila ambulaansii kennu sunimmoo akkas jedhee deebiseef: ''waaqa warra alagaa waaqessuurraa fagaadhaa jedhamee kitaaba keenya keessatti barreeffameera,’’ jedhee deebiseef.
Dhimmichi gabaafamuu hordofee konkolaachisicha dhaabbanni tajaajila ambulaansi kennu erga haasofsise hojicharraa ariyateera.
Dhaabbanni tajaajila ambulaansii kennu kun gocha konkolaachisaa kana akka balaaleffatu fi hordoftoota amantii hundaafi qaama hawaasa kamiyyuu wajjin akka hojjatu toora tiwitaraa isaarratti ibseera.
Israa’el biyyoota addunyaa weerara vaayirasiin miidhaman keessaa tokko yoo taatu, uggura marroo lammaaffaaf labsiteerra bayyanachaa jirti.














