Hogganaan al-Qaayidaa Teehraan keessatti ajjeefame oduun jedhu soba jette Iraan

Maxxanfame

Iraan gabaasa gaggeessaan hidhattoota al-Qaayidaa ji'a Hagayyaa keessa Teehraanitti ajjeefame jedhu soba jette.

Niwu Yoorki Taayimsi itti aanaan ajajaa al-Qaayidaa Abdullaa Ahimed Abdullaah ergamtoota Israa'el kanneen Ameerikaan gaafatteen daandii irratti haleelamuun ajjeefame jechuun gabaasee ture.

Iraan ''shororkeesitootni'' al Qaayidaa biyyakoo jiraatan hin jiran jette.

Abdullaahi haleellaa imbasiiwwan Ameerikaa Afrikaa keessa jiran irratti bara 1998 raawwate qindeesseera jedhamuun himatamaa ture.

Abdullaahi maqaa Abu Muhaammad al-Masrii jedhamuun beekamu Hagayya 7 bara 2020 intala isaa waliin osoo deemuu daandii Teehraan irratti namoota lamaan ajjeefame jechuun NYT gabaasee ture.

Gabaasichi akka jedhutti jalqaba irratti Iraan odicha dhoksuuf barbaaddee turte.

Miidiyaaleen Iraanii fi Libaanus namni guyyaa sanarra intala isaa waliin ajjeefame pirofeesera seenaa Libaanus jechuun gabaasan.

Ministeerri Dhimma Alaa Iraan ibsa Sanbata kaleessaa kenneen ''yeroodhaa gara yerootti Waashingitanii fi Teel Aviiv sobaan odeeffannoo miidiyaaleef kennuun balleessaa gareen kun hojjetuuf itti gaafatamummaan akka hin jiraanne taasisuuf garee fi shororkeessitoota biroo naannicha keessa jiran waliin walitti nu hidhu'' jedhan.

Miidiyaan Chaanel 12 jedhamu kan Israa'el ammoo dubbii kana hordofuun qondaalota tikaa Lixaa eeruun akka gabaasetti Abdullaahi kan ajjeefame oppiresshinii fedha Israa'elii fi Ameerikaan gaggeeffame keessatti.

''Sababni isaa Israa'eelii fi uummata jewish adunyaa guutuu irra jiran irratti haleellaa karoorsaa waan jiruuf'' jedhan.

Abdullaahi miseensota garee jihaadistootaa kana hundeessan keessaa tokko yoo tahu gareen al Qaayidaa kun haleellaa gurguddaa Baha Fagoo fi Afrikaa bakka adda addaatti gaggeessaa tureera.

Kun haleellaa Fulbaana 11 bara 2001 Ameerikaa irratti raawwates dabalata.

Haleellaa boombii imbaasii Ameerikaa Keeniyaa fi Tanzaaniyaa keessaa bara 1998 raawwatee namoota 224 galaafates qindeessera jedhamuun himatama.

Erga bara 2003 as Iraan keessa jiraachaa ture. Jalqaba manatti hidhamuun yoo tahu booda irra ammoo bilisaan jiraachaa akka ture qondaalota tikaa Ameerikaa eeruun NYT gabaase.

Walitti hidhannaan Iraanii fi al-Qaayidaa gidduu jira jedhame waan hin baramnedha.

Gareen lamaanuu wal waraanaa waan turaniif. Kunis lamaauu garee adda addaa jechuun Iraan Musiliimota Shiyaa, al- Qaayidaan ammoo Suni bakka bu'uun wal lolaa turan waan taheef.

Abdullaahi ammayyuu FBI'n tarree shororkeessitoota akka malee barbaadaman keessatti argama. Nama odeeffannoo bakka inni jiru eeru kenneefis Doolaarri miliyoona 10 kennama.