Ministirri Muummee Adunyaa kanarratti waggoota dheeraaf bulchuun beekaman du'an

Maxxanfame

Adunyaa irratti ministirri muummee Bahaareen waggaa dheeraa bulchuun beekamu Kalifaa bin Salmaan Al Kalifaa umurii ganna 84'n boqatan.

Ilmi mootii Kalifaan erga Bahaareen walabummaa ishee bara 1971 argattee aangoo qabachuun hanga guyyaa boqataniitti bulchaa turan.

Dhukkubsatanii Ameerikaatti yaalamaa turuu miidiyaan mootummaa biyyattii himeera.

Kalifaan eessuma mooticha Hamad yoo tahu maatii moototaa keessatti qooda ol aanaa nama qabu ture.

Ilmi mootichaa kun namoota gariin nama waan siyaasaa biyyattii murteessaa jedhamuun beekamu. Bara 2011 warraaqsa Arabaa hin milkaa'iin hafe keessa deeggartootni dimokiraasii namni kun aangoo irraa akka ka'aniif barbaadu ture.

Warraaqsi Araabaa ''du'a, jeequmsaa fi badinsa'' qofa fide jechuun dubbatanii ture. Haaromsa siyaasaa Bahaareen keessatti akka hin dhufneef danqaa tahanii ture yaada jedhu garuu haalaniiru.

Xiinxaltootni namni ilma mootii kana bakka bu'uun tajaajilu isa Bahaareen dhiyeenya kana Israa'eel waliin nagaa buusuuf waliigalte daandii haraan kan itti fufsiisu taha jedhu.

Biyyi Musiliimota Suuniin bultu Baahaareen waggaa salgan kana warraaqsa jalqabe humnootni nageenyaa erga fashaleessanii haaluma tureen itti fufte.

Fincilli ka'e ammoo uummata bal'aa kan tahan musiliimota Shiyaa biyyichaa qoodamneerra jedhaniin ture.

Mootummaan miidiyaaleen dhuunfaa tokkollee biyyicha keessatti akka hin hojjenne dhorkeera. Paartilee mormituu hundaa diiguun qeeqni karaa interneetaa irratti barraa'us aka dhaabbatu taasiseera.

Namoota mirga namoomaaf falmuun beekaman, gaazexessitoota fi miseensotni paartilee mormituu hedduun namoota fincila keessatti hirmaatan hedduu waliin hidhamaniiru.

Namootni dhibbaan lakkaa'aman lammuummaan Baahaaren qaban irraa mulqameera. Namootni shan ammoo yakka shororkeessummaan himatamanii ajjeefamaniiru akkaataa ibsa gareen mirga namoomaaf falmu jedhutti.