Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Israa'elii fi Baahireen jaarsummaa US'n waliigaltee dippilomaasii mallatteessan
Israa'eelii fi Baahireen jaarsummaa Ameerikaan ifatti waliigaltee dippilomaasii hundeessan.
Waliigaltichis guyyaa Dilbataa magaalaa Baahireen, Maanaamatti mallattaa'e.
Waggoota kurnan hedduuf biyyootni Arabaa, Israa'el waliin hariiroo kan uumnu erga dhimmi Paalestaayin furamee qofadha jechuun qoqqoobanii ture.
Baahireen biyyoota Baha GidduuGaleessaa keessa Masirii, UAE fi Yoordanitti aantee, Israa'eel erga bara 1948 hundeeffamtee kaasee biyya arfaffaa beekamtii kenniteef taateetti.
Lammileen Paalestaayin hariiroo irra gahame kana ''waraansa dugdarraati'' jechuun ibsaniiru.
Biyyootni lamaan Dilbata kaleessaa bakka qondaalonni isaanii argamanitti magaalaa Maanaamaatti waliigaltee dippilomaasii waliinii walii mallatteessaniiru.
Miidiyaaleen Israa'el akka gabaasanitti, sanadni waliigaltee isaanii waan walitti bu'insa Israa'eelii fi Paalestaayin of keessaa hin qabu.
Erga waliigalticha mallatteessanii Ministirri Dhimma Alaa Baahireen, Abdulatif bin Rashid-Al-Zayanii, dubbii taasisan keessatti ''hariiroon biyyoota lameenii karaa damee hundaa bu'a qabeessa akka tahu abdiin qaba,'' jedhan.
Akkasumas nageenyi naannichaatti akka bu'uufi fi walitti bu'insa Paalestaayinifis furmaatni argamuu akka qabu waamicha taasisaniiru.
Gareen Israa'el xiyyaara El AI lakkoofsa balalii 973 kan imalan yoo tahu kunis koodii bilbila idil-addunyaa Baahareniif akka tahutti.
Eeyyama addaa mootichaanis Sawud Arabiyaa irra qaxxaamuran. Qondaalonni Sawudii hariiroo Israa'el waliinii gara nagaatti deebisuuf waamicha dhiyaatef hin fudhane.
Wal morkiin Sawud Arabiyaa fi Iraan dhimma dippilomasii kana irratti shoora ol aanaa taphateera
Biyyootni lameen garaagarummaa amantaan waggootaaf wal dhabaa kan turan yoo tahu: Iraan irra caalaan Musliimota Shiyaa, Saawudiin ammoo Musliimota Suunidha.
UAE fi Baahireen michuu Saawud Arabiyaa yoo tahan, dhimma Israa'el irratti Iraan irraa sodaan mudataa tureera.
Ministeerri Maallaqaa US garee Israa'el waliin kan imalan yoo tahu, fuuldurattis garee Israa'el gara UAEtti imalan waliin gaafa Kibxataa deemu jedhama.
Waliigalteen Israa'eelii fi UAE erga Israa'el karoora West Baanki ofitti hammachuuf baaste dhaabdeen booda kan irra gahamedha.
Qondaalonni Paalestaayin ibsa waliigaltee kanaa tasumaa kan hin eegne yogguu tahu, waliigaltee amma dura UAE walin gahameefi kan ammaa Baahireen waliin godhames qeeqaniiru.
Erga oduu waliigaltichaa dhagahame hordofee Paalestaayin ambaasaddarashee Baahireen jiru ji'a dabre keessa waamtee turte.
Ministeerri Dhimma Alaa Paalestaayin waliigaltichi ''mirga faayidaa biyyaalessaa lammiileeshee fi biyyoota Arabaa kan miidhedha,'' jedhan.