UAE’n dubartoota ajjeesuun yakka cimaa akka ta’u gochuufi

Maxxanfame

Yunaayitid Arab Eemireetisi (UAE) keessatti dubartiin tokko dudhaa, amantaafi aadaa cabsuun gocha ‘maatii qaanessu’ raawwannaan maatiin sun akka ajjeesuun nihayyamama.

Gama kanaanis tarkaanfiin warra dubartii badii dalagdeetti jedhamte sana ajjeesan irratti fudhatamu laafaa ture. Amma garuu sun niga’a jechuun fooyyee seeraa gochuuf dhaadattee jirti, UAE’n.

Fooyya’iinsi taasifamu miseensonni maatii dubartii tokko ajjeesan irratti abbootiin seeraa adabbii xiqqaa akka hin murteessine isaan dhorka jedhameera.

Dhimmi akkasii nihafa jedhamaa jira. Nama ajjeesanii ‘ajjeechaa kabajaa’ jechuun aad-maleefi moggaasnisaallee jijjiiramuu kan qabudha jedhu warren mirga namaaf falmatan.

Anga’oonni Eemireetisi ajjeechaan kabaja maatii eeguuf jedhamee dubartii irratti raawwatamu, akkuma ajjeechaa kaaniitti ilaalamuu qaba jechuun kutannee kaaneerra jedhu.

Akka falmattoonni mirga namoomaa jedhanitti, addunyaarratti sababa kabaja maatii eegsisuu jedhuun dubartoota ajjeesuun baramaa kan dhufe yoo ta’u, dubartoonni kumaatama hedduunis waggaa waggaan adabbii kanaan lubbuu dhabu.

Tarkaanfiin ajjeechaa akksiin lubbuu dubartootaa galaafatu dhaabuuf UAE’n fudhachuuf jirtus waan dansaati jedhamaa jira.