Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Amantoonni Jehoovaa loltuummaaf deemuu didnaan adabbii hojii mana hidhaa eegalan
Amantoonni Jehoovaa loltuummaaf deemuu didnaan mana hidhaatti akka hojjetan taasifame
Hordoftoonni amantii Dhugaa Baatota Jehoovaa Kooriyaa Kibbaa yeroo ammaa mana hidhaatti kan argaman tajaajila loltummaa deemuuf diduun adabamanii osoo hin taane tajaajila hawaasummaa kennuufi.
Kooriyaa Kibbaa keessatti tajaajila loltummaa keessatti hirmaachuun dirqama dha. Tajaajilichi loluma Kooriyaa Kaabaa waliin taasifamu dha.
Garuu sagantaan haaraa bahe namoonni sababii amantiifi dhimma dhuunfaan tajaajilicha irratti hirmaachuu didan adabbiin hidhamuurra isaan hambisa.
Dhugaa Baatotni Jehoovaa tajaajila loltummaa kana sababii amantiin diduun baatii 18fi isaa ol adabamaa turan. Haalumaa kanaan bara 1950 irraa qabee miseensonni ama ntichaa 20,000 tahan hidhamaniiru.
Haa tahu malee bara 2018 manni murtii biyyattii sababa amantii ykn dhuunfaa ragaa waliin warreen dhiyeessaniif tajaajila hawaasaa dhukaasaa fi qawwee waliin wal hin qabanne akka kennan eeyyamuun murteessee ture.
Erga murtoo kanaa namootni hidhaa jiran keesumaa immoo amantoota Jehoovaa adabbiin isaanii haqameera.
Mootummaan hidhamtoota irratti murtaa’ee adabbii isaanii lakkaa’aa jiran hunda gadhiiseera.
Namoonni dhuunfaa tajaajila loltummaa didanii hidhaa galan gaafa bahan loogiin irra gaha jedhu warreen mirga namoomaaf falman.
Sagantaan haaraa kun gaafa wiixataa namoonni dhuunfaa 63 tajaajila hogganoota mana hidhaa tahan yeroo hojii jalqaban hoojiirra ooluu eegale.
Namoonni kunneen bulchiinsa mana hidhaa kana keessa waggaa sadiif tajaajila kennu.
Silaa otoo loltummaaf deemanii baatii 21, loltummaa galaanarraaf baatii 24, kan qilleensarraaf baatii 24 tajaajilu ture.
‘’Akka amanataa Jehoovaa tokkootti waan kitaabni qulqulluu jedhu akka barraa’ettiin fudhadha,barsiisa Yasuusis nan hordofa,’’ jechuun Jaang Yuung Jiin AFPtti himeera.
Jaang luqqisa Macaafa Qulqulluu ‘’warreen goraadee kaasan,isaan ofii dhumu,’’ jechuun Yesuus isa duuka-buutota isaa gorse eera.
Namoonni 63 kunneen manuma hidhaatti hojjechaa, nyaachaa achuma bulu. Haa tahu malee hidhamtoota kaan irraa adda baafamanii boqonnaan waggaa dheeraan kennamaaf.
Murtiin kun amantoota Jehoovaaf injifannoo haa tahuyyuu malee warreen mirga namaaf falaman waggaa sadiif mana hidhaatti hojjechiisuun adabbii biraati jedhu.
Kooriyaa Kibbaa keessatti namoonni attamiin loltummaaf dirqamu?
Kooriyaan Kibbaa, Kooriyaa Kaabaa biyya daangaa waliin qooddattu faana hariiroo muddamaan guutame qabdi. Kanaaf loltummaaf tajaajiluun humna ittisaa biyyattiif ijoo dha.
Dhiiroti Kooriyaa Kibbaa qaama jabaa qaban waggaa 28 irratti waraana biyyattii ji’oota 24f tajaajiluu qabu.
Tajaajila kana kennurra kan darbaman namoota ispoortiidhaan injifannoo argatanii biyya kan waamsisaniifi biyya isaanii maqaa gaariin kan ol kaasan qofa.
Yeroo ammaa kanas gareen sirbitootaa K-pop kanneen BTS jedhaman addunyaarratti beekamtii guddaa qaban tajaajila kan ni deemu moo ni darbamaaf kan jedhu falmii keessa jira.
Seera amma jiruun weellistoonni kunneen waggaa muraasa keessatti yeroo waggaa 28 guutan tajaajila kana kennuuf adeemuu qabu.