Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Chaayinaatti osoo daawwattoonni ilaalanii bineensi nama nyaate
Paarkiin bineensotaa Chaayinaa erga bineensi ‘bear’ jedhamu hojjataa paarkichaa osoo daawwattoonni arganii nyaatamee du’ee booda nageenya ni fooyyessa jedheera.
Taateen kunis magaalaa Shaangaayi keessatti kan mudate yoo ta’u, paarkichi gadda itti dhagahame maatii hojjataa du’eefi ibseera.
Paarkiin Bineensotaa Shaangaayi ibsa marsariitiisaarratti baaseen “taatee mudateen baay’ee gadduusaa ibsuun, tuuristoota bakkicha turanii taatee kana arganiifillee dhiifama” jedheera.
Paarkichi taatee raawwate qorataa akka jiru ibsuun nageenyummaa paarkichaa fooyyessuu fi wantoota taatee kanaan booda dhufan hiikuuf hojjadhaa jira jedheera.
Viidiyoon marsariitii Chaayinaa Weibo irratti qoodame akka mul’isutti daawwattoonni konkolaataa keessa taa’anii osoo bineensonni ‘bear’ bakka tokkotti heddumaatan iyyan mul’isa.
Bakkichis daawwatootaan konkolaataa qofaan daawwataama.
Kunis kan taasifame bineensonni akka bosonaa keessaa akka fedhiisaaniitti akka socho’aniif yaadameeti jechuun paarkichi ibseera.
Viidiyicharratti namni tokko “achi bira nama tokkotu jira”, namni biraa ammoo “maaltu mudataa jira?” jedhee gaafatu mul’ata.
Balaa kanaan walqabatee namooni hedduun gaddasaanitti dhagahame yoo ibsan tarkaanfilee nageenyaa fi of eeggannoo paarkicha keessa jirurratti ammoo qeeqasaanii kaasaniiru.
Muraasnisaanii bineensonni dallaa sibilaa keessa qofa ta’uu qabu; osoo kun ta’ee jira ta’ee rakkoon kun hin mudatu ture jedhaniiru.
Isaan kaan ammoo bineensonni akka fedheesaaniitti socho’uu qabu; paarkichi garuu nageenya hojjattootaasaa fi daawwatootaaf dursa kennuu qaba jedhaniiru.
Chaayinaa keessatti hojjattoonni paarkii bineensotaan nyaatamanii du’uun kan baratame ta’uu baatus haleellaawwan adda addaa hojjatootarratti ni raawwatama.
Bara 2017’tti namni tokko akeekkachiisa paarkiirraa kenname hordofuu dhabuusaatiin bineensa bear jedhamuu nyaatameera.