Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Bineensi yeroo baay'ee namatti hin buune Kaanaadaatti dubartii ajjeese
Dubartiin lammii Ameerikaa biyya Kaanaadaatti bineensa 'bilaak beer' jedhamuun ajjeefamte.
Bineensi kun yeroo baay'ee nama hin lolu.
Kaatiriin Siweet- Muuller , ganna 62, galgalaan kutaa ishee keessaa saaroota ishee ilaaluuf baatee hin deebi'iin hafteetti.
Harmeen ishee yaddooftee yeroo poolisii waamtuus yemmuu odolicha ga'anitti bineensi kun reeffa Kaatrin irra dhaabbate argani.
Poolisiin bineensa kana dhukaasee ajjeeseera.
Magaalaa Meepil Pileen, Minisootaa irraa kan taate Kaatriin jalqaba ji'a kanaatti gara Odola Reed Paayin kan haroo Reeyin irratti argamutti maatii ishee waliin bashannanuuf dhaqxe.
Poolisiin Ontaariyoo Jim Deevis bineensoti bilaak beer biroon lama naannichatti argamaniis nama sodaachisaa akka turan BBCtti himaniiru.
Ajjeecha kana 'gocha addaa' jechuun kan ibsu Deevis, wanta akka kana waggooti 11f naannichatti poolisii ta'ee arge akka hin beekne hima.
Ministeerri Qabeenya Uumamaa Ontariyoo ibsa baase irratti "ajjeechaan akkanaa badaa argamee hin beeku."
"Maatiifi hiriyyoota isheef jajjabina hawwina," jechuun gadda isaa ibseera.
Akka gabaasa AP'tti kana dura bara 2005'tti ajjechaan walfakkaataa Ontaariyoo keessatti raawwateera.
Gosi bineensa beer jedhaman nama irraa fagachuu kan filatan yoo ta'u sababoota adda addaaf garuu nama miidhuu danda'u.
Fakkeenyaaf bineensi kun ilmoo ishee waliin osoo jirtu yoo nama agarte, nyaata isaa irra nama dhorkuuf ykn immoo yoo na'e nama miidhuu danda'a.