Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hawaasni maallaqa sobaarraa akka of eegu Baankiin Biyyaalessaa dhaame
Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa hawaasni maallaqa sobaan akka hin burjaajofne of eeggannoo akka godhu dhaame.
Baankichi raawwii jijjiirraa maallaqaa Fulbaana 06 bara 2013 eegale ilaalchisee miidiyaalef ibsa laatee jira.
Bulchaa itti aanaan Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa Obbo Salamon Dastaa jijjiirraan maallaqa haaraa biyyattiin jalqaba bara kanaa ifoomsite haala milkaa'aan raawwatamaa akka jiru himaniiru.
Haaluma kanaan maallaqni haaraan birriin biiliyoona 90.4 dameewwan baankii 6,561 ta'anitti raabsamuu isaa fi baankiin tokko qofti hafuusaa himan.
Jijjiirraa maallaqaa kana bu'uura godhachuunis lakkoofsawwan herreega baankii haaraa Kuma 273 ol banamuu kan himan Obbo Salamon, "lakkoofasa herreega baankii haaraa kunneen keessattis maallqani birrii biiliyoona 13 ol walitti qabameera" jedhan.
Gama maallaqa moofaa walitti qabuutin mallqni moofaan biiliyoona 140.4 gama baankiiwwanin walitti qabame harka Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa gahuunsaa himameera.
Maallqani moofaan birrii biiliyoona 57.5 ta'u immoo yeroo ammaatti harka baankiwwanitti kan argamu yemmuu ta'u maallaqa kana sassaabufis hojjetamaa jiraachuu bulchaa itti aanaan Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa Obbo Salamon Dastaa dubbataniiru.
Dhimma maallaqa sobaa…
Sochiin maallqa sobaa keessattuu naannoo Gondar, Gojjaam fi Shawaa Kaabaatti mul'achuu isaa kan himan Obbo Salamon Dastaa hawaasni irraa of eeguu akka qabu akeekkachiisaniiru.
Maallaqni haaraan raabsamaa jiru mallattoolee eeggannoo /Security feature/ cimaa akka qaban himuunis yoo sirriitti ilaalan maallaqa sobaan salphumatti adda baasun akka danda'amu dubbatan.
Maxxansa maallaqa sobaa hambisuun akka hin danda'amne kan himan Obbo Salamoon, maallaqni sobaa mul'ataa jiru baay'ee yaaddessaa akka hin taane fi hubannoo hawaasaa cimsuun ittisuun akka barbaachisu himan.
Baankii Biyyaalessaatti daayrektarri hooggansa maallaqaa Obbo Abbaba Sanbatees, maallaqa isa haaraa maallaqa sobaa maxxanfamerra bifa salphaan harkaan tuttuquun adda baasun akka danda'amu fi maallaqani sobaa jabina kan hin qabne akka ta'e dubbatan.
Haa ta'u malee namootni wayita maallaqa isaan shakkisiisu argan gara mana baankii deemun gaafachuu akka danda'an fi maallaqa sobaan walqabatee qaamolee nageenyaaf eeruu kennuun akka tumsan gaafatan.
Dhimmoota biroo…
Qajeelfamni dhiyeenya kana bahe namni dhuunfaan guyyaatti maallaqa dheedhii birrii 50,000 dhaabbatni immoo guyyaatti birrii 75,000 baankiiwwanii baasuu akka danda'an hima.
Haa ta'u malee hammeentaan maallaqaa namni dhuunfaa fi dhaabbileen ji'atti baasuu danda'an tibbana hawaasa biratti burjaajii uumee ture.
Bulchaan itti aanaan Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa Obbo Salamon Dastaa qajeelfamni kana dura bahe fi "namni dhuunfaan ji'atti maallaqa dheedhii birrii miiliyoona tokko caalaa baasuu hin danda'u, dhaabbatni immoo ji'atti birrii miiliyoona 2.5 caalaa baasuu hin danda'u jedhu" ammallee hojiirra kan oolu ta'uu himaniiru.
Gama biraatin maallaqni haaraan maxxanfame qaama miidhamtoota giddugaleessa kan godhate miti yaada jedhuuf, maallaqichi bifa qaama miidhamtoota giddugaleessa godhaten akka isaan beekuu danda'anitti kan hojjetame ta'uu Obbo Abbaba Sanbatee himaniiru.
Mallattooleen amma jiran gahaa miti yoo ta'e gara fulduraatti kan fooyya'u ta'uus himaniiru.