Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dinagdee: Itoophiyaatti Birrii callaa qabatanii socho'an daangessuun maal fayyada, maalimmoo miidha?
Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa xalayaa baankileetti ergeen hanga namni tokko ykn dhaabbanni tokko Birrii callaa baankiidhaa baasurratti jijjiiramni akka taasifame ibseera.
Qaama tarkaanfii malaammaltummaa, daldala seeraan alaafi kontorobaandii ittisuuti jechuun yeroo darbe mootummaan hanga namni tokko guyyaatti maallaqa callaa harkatti qabatee socho'uu daangeessee turuun isaa ni yaadatama.
Baankiin Biyyaalessaa ji'oota murssa dura Birrii callaa guyyaatti harkatti qabachuun danda'amu nama dhuunfaaf hanga Birrii 200,000, dhaabileef ammoo hanga Birrii 300,000tti akka hayyamamu ibsee ture.
Qajeelfama dheengadda baaseen ammoo namni dhuunfaa tokko guyyaatti hanga Birrii 50,000 qabachuun kan hayyamamuuf yoo ta'u, dhaabbilee taanaan ammoo 75,000 baasuu akka danda'an gadi xiqqeeffameera.
Beektonni Dinagdee tarkaanfiin Baankii Biyyaaleessaa kun bu'aafi miidhaa akkamii akka qabaachuu malu BBCf ibsaniiru.
Itoophiyaatti Birrii callaa gara dijiitaalaatti jiijjiruun malaammaltummaa hir'isuufi gibira to'achu gargaara jedhan Hayyuun Dinagdee Yunvarsiitii Finfinnee Tashoomee Tafarraa (PhD).
Maallaqa callaa gabaa keessaa jiru gara dijitaalaatti jijjiruun biyyoota biroottis kan raawwatamudha kan jedhan Dr.Tashoomeen, bakka tajaajilli bankii walga'ee hin jirreefi hubannoon gahaa hin uumamnetti garuu rakkoo uumuu akka danda'u ibsu.
Akka Dr.Tashoomeen jedhanitti, Itoophiyaa keessatti yeroof namoonni maallaqa callaa qabachuu baran gara dijitaalatti jijjiramuu ni rakkatu.
"Namoota bittaafi gurgurtaarratti maallaqa callaa qabatanii socho'aniirratti dhiibbaa uumuu mala. Kana malees, namoonni maallaqa isaanii karaa baankii daddabarsuu hin beekne hedduun rakkachuu malu."
Fakkeenya yeroo dhiyoo biyya Indiyaatti mudate kaasuun, maallaqa callaa harkaan sochoosuurraa gara dijitaalawaatti jijjiiruun faayidaa daldala saffisiisuufi al-seerummaa to'achuuf gargaarullee miidhaa yeroo gababbaa akka qabaatu himu Dr. Tashoomeen.
Ragaa yeroo ammaa jiruun ummata Itoophiyaa harka 21 qofatu magaalaa jiraata kan jedhan Dr. Tashoomeen, garri caalaan hawaasa biyyattii baadiyyaa waan jiruuf ammallee maallaqa karaa dijitaalaa daddabarsuu akka gahumsaan hin horatiin kaasu.
Kana malees, bu'uuraleen misoomaa kanaaf barbaachisan akka sirnaan hin guutamne heeruun, baankonni biyyatti keessa jiran tajaajila akkasii dhiyeessuuf ga'uumsa qabachuusaanii shakku.
Maallaqa karaa elektirooniksii daddabarsuun fayidaa qabaa?
Maalla calla harkaa harkatti dabarsuun/qabachuu daangessuun miidhaa yeroo muraasaaf turu yaa qabaatu malee bu'aas ni qabaata.
Fayidaa lama tarreessan Dr Tashoomeen. Fayidaan jalqabaa, malaammaltummaa hir'isa. Sababni isaammoo, maallaqani malaammaltummaaf oolu yeroo baay'ee karaa dijitaalaa hin daddabarfamu jedhu.
Kan biraa ammoo taaksii akka hin miliqsineef mootummaa akka fayyadu himan.
Kanaaf jedhan Hayyuun Dinagdee Tashoomee Tafarraa (PhD), tarkaanfiin Baankii Biyyaalessaa kun yeroodhaaf kan rakkoo uumu ta'uu mala malee gara fuula duraatti kan baasudha jedhan.
Hanga maallaqa callaa qabatamu daangessuun miihhaa akkamii qaba?
Tajaajilli baankii biyya walga'ee hin jirreefi aadaan daldalaa maallaqa callaan bal'atee jiru keessatti hanga maallaqa callaa namni ykn dhaabbanni tokko takkaatti sochoosuu danda'u daangessuun sochii daldalaa miidhuu akka danda'u hayyoonni Dinagdee ni dhugoomsu.
Itoophiyaa keessatti namni lakkoofsa herrega baankii (Akkaawontii Baankii) qabu harka sadii keessaa tokko qofa jedhu Ogeessi Dinagdee Abdulmannaan Mohaammad.
Kana jechuun harka dhibba keessaa 65 hawaasa herrega baankii hin qabnetu jira jechuudha jedhu.
"Namoonni baayyeen bakka fagoo tajaajilli baankiin hin jirre jiraatu. Magaalota walakkaattillee, Markaatoo dabalatee daldala keessatti maallaqa callaa fayyadamuun bal'aadha.
Namoonni hedduun daldala maallaqa callaan gaggeessuu filatu. Kanaaf, sochii maallaqa callaa daangessuun kun Dinagdee chook godha[hudha]. Namoonni socho'uu waan hin dandeenyeef ni ukkaamsa."
Sirna baankii mala elektirooniksiin gaggeeffamu baayyee hin beekamiin jiru keessa waan jiraanuuf tarkaanfiin akkasii kun sochii Dinagdee irratti miidhaa qaba jedhan Ogeessi Dinagdee kun.
Tajaajilli baankii karaa elektirooniksii gaggeeffamu daldala saffisiisuufis ta'e gibira to'achuudhaaf mijataa akka ta'e gaaffii hin qabu kan jedhan Obbo Abdulmaanaan, haata'u malee dirqamaan taasisuun hin milkaa'u jedhu.
Akka hayyuu kanaatti gara tajaajila baankii elektirooniksiitti ce'uudhaaf yeroo dheeraa gaafata waan ta'eef mootummaan tarkaanfii amma fudhate kana waan hin deemsifneef deebiyee kan dhaabudha jedheen yaada jedhu.