Gaazexxessituun Raashiyaa wajjira mootummaa duratti ibidda ofitti qabsiiftee duute

Madda suuraa, RINA SLAVINA/FACEBOOK
Gazeexxeessituun Raashiyaa ,gulaaltuu oduu taate, Irina Silavina, magaalaa Niznii Novgorod keessatti waajjira ministira biyya keessaa fuulduratti abidda ofitti erga qabsiiftee booda lubbuun ishee darbeera.
Irina Silavina dursitee Feesbuukii gubbaatti “du’akoof Federeeshinii Raashiyaa itti gaafatamuummaa akka qaban isin gaafadha,” jechuun barreessiteetti.
Reeffii ishee hedduu gubatee argamuu isaa qondaaltonni mirkaneessaniiru.
Irinaan Kamisa irraa poolisiin wantoota gartuu dimokraasii deeggaran ‘Open Russia’ jedhaman waliin wal qabatu barbaacha mana ishee shakkata’uu isaanii ibsiteetti. Kompiitaraafi daataan fudhatamaniiru.
Viidyoon yeroo isheen daandii Gorkii bakka wajjirri ministira biyyaa keessaa fulduratti ibidda ofitti qabsiiftu mul’isu qoodameera.
Viidiyoo kanarratti namnichi tokko ibidda isheerraa dhaamsuuf gara isheetti yeroo fiiguu ni mul’ata.
Yeroo inni kootii isaan ibidda irraa dhaamsuuf yaaluutti isheen garuu namicha irra daddeebiin ofirraa achi darbachaa, boodarra lafatti kufteetti.
Komiteen Qorannoo Raashiyaa Irinaan, kan abbaa warraafi intala qabdu turte, du’uu ishee mirkaneessuus waa’ee sakkata’amuu mana ishee waliin hidhata qabaachuu haaleera.
Irinaan eenyu turte?
Irinaan marsaritii oduu xiqqaa Koza press jedhamuuf gulaaltuu turte.
Dhaaddannoon marsariitii kanaa “oduufi xiinxaala” fi “kan hin to’atamne” kan jedhudha.
Du’i ishee erga mirkaneeffamee booda, marsariitiin kun Jimaata cufameera.
Qorannoo 'Open Russia' waliin wal qabatee namoota manni isaanii Kamisa sakkata’ame torba keessa isheen tokkodha.
Waggaa darbe gaabasa ishee tokko keessatti “anga’oota arrabsite” kan jedhuun adabamtee turte.
Kamisa Fesbuukii gubbaatti, namootni 12 humnaan mana ishee seenuun filaashii, laaptooppii kan isheefi kan intalashee akkasumas bilbila ishee fi kan abba warraa ishee fudhachuu isaanii barreessiteetti.
Manni ishee maaliif sakatta’ame?
Komiteen qorannoo Irinaan qorannoo adeemsifama jiran keessatti dhugaa baatuu malee “himatamtuus ta’e shakkamtuu” akka hin taane dubbi himaan beeksisaniru,.
Qorannoon adeemsifamaa jiru wa’ee daldalaa naannichaa tokko kan mana amantaa sobaa qopheessuun gartuulee mormituun adda addaa keessatti akka dhimma ba’aniifi leenjii filannoo gaggeessan taasise irratti kan xiyyeeffate fakkaata.
Raashiyaa keessatti seerri miidiyaafi intarneetaa cimaan dhiyeenya hojiirra oolaaa jira.
Kun gaaruu yaaddoo mootummaan qeeqtota isaa callisiisuuf fayyadamaa jira jedhu kaaseera.
Mootumman garuu seerri kun nageenyaa interneetaa eeguuf fayyada jedha.
















