Paaris dubartii sirna garbummaarratti fincilteef siidaa dhaabuufi

Madda suuraa, Getty Images
Magaalli guddoo Faransaay Paaris siidaa dubartii fincila farra garbummaa bara 1802 keessa odola Kaaribiyaan Guadeloupe'tti taasifame keessa qooda fudhatteef siidaa dhaabuufi.
Dubartiin maqaan ishee Solituud jedhamtu yeroos qabamtee akka ajjeefamte amanama.
Kantiibaan Paaris Aanne Hidaalgo dubartii kana ''fakkeenya cimaadha'' jechuun ''gootiitti'' jechuun waamaniiru.
Seenaan garbummaa Faransaay hamma tokko erga duula lubbuun gurraachotaa darbuu hin qabu - Black Lives matter- booda qeeqamaa jira.
Solituud eenyu turte?
Seenaan ishee hammana hin beekamu.
Seenaa jaarraa 19ffaa Unesco kan Guadeloupe keessa maqaan ishee takka qofa dhahame.
Akka ragaa kanaatti, isheen yeroo fincila garbummaa ''loote seentota'' kaan waliin to'atamte.
Garbummaan Warraaqsa Faransaayin hambifamus Naappoliyaan deebisee ture.
Akka seenaan jedhutti erga dahuun eeyyamameef booda ajjeefamte.
Dubartiin kuni asoosama lammii Faransaay André Schwarz-Bar'n bara 1972 barreesse keessa ibsamteetti. Guadeloupe keessas yeroo ammaa siidaan dhaabateefi jira.
Siidaan nama gurraachaa magaalaa Faransaay keessa arguun waan barame ta'u baatus kana dura siidaan Joseefin Baakerif dhaabameera.












