Teeknooloojii: Feesbuuk akkaawuntiiwwan sobaa Chaayinaa 150 ugguure

Maxxanfame

Feesbuukiin fuuloota(akkaawuntiiwwan) sobaa Chaayinaa 150 kan walii isaaniitti hidhata qaban fi maarii siyaasaa danquuf ‘qiinda’anii’ jiran cufe jedhe.

Hedduun isaanii feedhii Chaayinaa deeggarruu irratti kan xiyyeefatan ta’anis muurasni waa’ee filannoo pirezdaantumma US maxxansaniiru.

Feesbuukiin fuulota sobaa akkanaa Chaayinaa keessaa kan maddan ta’uu kan adda baasee yeroo lammataafi.

Fuuloti kun hordoftoota gara 130,000 kan qaban yoo ta’u, muraasni isaanii US keessa jiru.

Fuuloti kun bara 2016 keessa banamuu kan eegalan yoo ta’u, odeeffannoowwan hedduun qoodaman waa’ee dhiibbaa Chaayinaan Filippiinsi fi Kibba-Baha Eshiyaa keessatti qabdu waliin kan wal qabatudha.

Akka Feesbuuk jedhutti fuuloti kun bulchiinsa Fujaan keessaa kan maddan yoo ta’u, beeksisaaf ammoo maallaqa Chaayinaa Yuwaniin kaffaluu eegalaani turan.

Wantoonni achirratti qoodaman hedduun mootummaa Chaayinaa kan deeggaran wantoota akka feedhii biyyattiin Galaana Kibba Chaayinaa irratti qabdu kan leellisaniidha.

Garuu muurasni kan mootummaa Chaayinaa qeeqanis jiru.

Fuuloti muurasni waa’ee kaadhimamaa filannoo pirezdaantummaa US Piit Buttigiyeeg dorgommicha keessaa ba’uu isaan dura kan maxxansan.

Dabalaatnis kanneen kaadhimamtoota filannichaa Donaald Tiraampifi Joo Baayideniin deggaruun maxxansan jiru.

Dhiyeenya kana Feesbuukiin dhaabbati qorannoo miidiyaa hawaasumma Graphika fuulota kana akka qoratuf erga gaafatee booda dhabbatichi fuuloti tokko tokko fuula sanarratti suura sobaa kompiitarraa maddan garuu dhugaa fakkaatan mala AI ykn kompitara irra wantoota maddan( Generative Adversarial Networks) fayyadamuu isaanii argateera.

Qorataan Graphika Been Nimmo fuula Twitaraa isa irratti “ Waggaa tokko dura kun argannoo guddaa ture. Amma garuu kanneen qorannoo hundi yoo xiqqaaate si’a tokko mala kana fayyadamaniiru,” jechuun barreesseera.

Dabalataanis fuulotni walitti hidhata qaban Filippiinsi keessa maddanii dhimmoota biyyatti irratti xiyyeeffatan Feesbuukiin haqeera.

Fuulota feesbuuki dhuunfa 57, kan beeksisaa 31 fi fuulota Insitagiraamii 20 kan haqaman. Kanneen keessatti wantootonni waraanaafi poolisii Filippiinsi waliin wal qabatan argamaniiru.

Fuula kanneen irratti Afaan Ingiliffaafi Filippinoon waa’een dhimmootafi oduuwwan biyyatti, hojii farra shororkeessummaa barraa'eera.