Atileetiin medaaliyaasaa dorgomaa dogoggoraan mo’ameef dabarsee kenne jajame

Madda suuraa, Getty Images
Atileetiin Ispeen dorgommii gosa sadii (triathlon) jedhamuurratti hirmaateefi silaa medaaliyaa argachuu danda'u, kaaniif dursa kennuun jajame.
Atileetin kuni dorgommii bishaan daakaa, biskiliitii fi fiigicha of keessaa qabu irratti hirmaatee sadaffaa bahee osoo mo’achuu danda’u dorgomaasaa karaa dogoggoree mo’ameef dursa kennuun miidiyaa hawaasaa irratti jajamaa jira.
Atileetiin Biriitiish Jeems Teegil dorgommii Ispeen keessatti adeemsifameen yeroo meetirri muraasni hafu otoo dogoggora hin uumne tahee silaa sadarkaa sadaffaa argata ture.
Diyeegoo Meentriidaan isa mo’atee sadarkaa sana argate, garuu dogoggoorri akka uumame hubatee Teegil akka bira darbu taasise.
‘’Iddoon kun isaaf taha,’’ jedhe. Dorgommiin kun Fulbaana 13 taasifame garuu viidiyoon gochaa atileetii kanaa agarsiisu guyyoota dura gadhiifame. Namoonni baayyeen Meentiriidaa dorgomaasaaf iddoo gadhiise leellisan.
Jimaata drabe Meentriidaa sadarkaa sadaffaa kabajaa fi qarshii doolaara 274 argate.
‘’Kuni waan maatiifi kilabni koo ijoollummaarraa na barsiisani. Anaaf waan addaa akkan dalagetti natti hin mula’tu,’’ jechuun Meentriidaan hordoftoota isaa miidiyaa hawaasaa irratti isa leellisan galateefateera.
Teegil dogoggorri kan uumame dorgommicha xumuruuf fageenyi meetirri 100 gaditti yoo hafu dha. Teegil dogoggoraan karaasaa dhiisee gara ummataatti fiige.
‘’Mallattoo kaa’ame hin argine yookiin mallattichi seeraan hin teenye taha,’’ jechuun Yuuroo Ispoortiitti dubbate.
Meentridaan dorgomaasaa Teegil dogoggoraan duubatti hafe kana fiigee mo’achuu otoo danda’uu saffisa isaa hir’isuun isa eegee akka qaqqabu taasise.
Teegil Meentriidaa harka fuudheeti sarara xumuraa darbee gale
‘’Karaa isaarraa akka maqe yeroon baru, nan dhaabadhe. Jeems meedaaliyaa kana argachuu qaba,’’ Jedhe Meentriidaan, kana boodallee waan akkanaa yoo dhalate akka irra deebi’u dubbate.
Dorgommii kanarratti sadarkaa tokkoffaa kan bahe Haaviir Goomez kun ‘'seenaa guddaa dha,’’ jechuun isa dinqisiifateera.













