Ameerikaa: Haati-murtii mana murtii olaanaa Ameerikaa boqotan

Maxxanfame

Haati-murtii beekamtuu mana murtii Ameeriikaa waligalaa Ruut Baadar Giinsbarg ganna 87tti dhukkuba kaansariin lubbuun darbuu manni murtiichaa beeksiseera.

Haati-murtii falmattuu mirga dubartootaa taahan kun Jimaata kaleessaa ture dhibee kaansarii rajiijiidhaan magaalaa dhalootasaanii Waashingitanitti iddoo maatiinsaanii jiranitti lubbuun kan darbe.

Jalqabaa waggaa kanaarratti Giisbarg dhukkubni kaansarii duraan qaban itti deebinaan yaalii keemooteeraappii fudhachaa akka jiran himanii turan.

Isaanis feministii beekamtuu yoo taahan, dura buutuu Libaraalota Ameerikaas taahuun tajaajilaniiru.

Giinsbarg mana murtii kanatti nama umurii dheeraa qabduufi dubartii lammataa Ameerikaa waggaa 27f tajaajilanidha.

‘’Sabni keenyi ogeettii seeraa seena qabeettii dhabe,’’ jechuun hogganaan olaanaa mana murtichaa Joohon Roobarts ibsa baasaniin himan.

‘’Mana murtii waliigalaa kanatti waa’ila dinqisiifamtuu dhabne. Har’a isheef gadda teenya garuu dhalootni borii ishee hin irraanfatu,’’ jedhan.

Abbootii/haadhotii murtii libaraalaa afur keessaa tokko gatii taahaniif fayyaan isaanii dhiyeenyatti hordofamaa ture.

Duutisaanii Donaald Tiraamp filannoo Sadaasatti adeemsifamuun dura deeggartoota isaanii bakka buusuu yaalu jedhama.

Giinsbarg du’a isaaniin dura, ’’hawwiin koo inni guddaan pireezidantiin haaraa otoo hin dhufiin iddoo koo irraa ka’uu hin fedhu,’’ jedhanii turan.

Pireezidaant Tiraamp kaadhimamaa Rippaabilikaanaa iddoo isheef akka dhiyeessuu Waayit Haawusirraa dhagahameera.

Tiraamp ergaa gaddaa ogeettii seeraa kanaaf dabarsaniin,''nama sammuu hubataa qabduufi seera keessatti nama aangoon hojjettedha,'' jedhan.