Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tarkiin yakkamaa namoota 39 ajjeesetti hidhaa waggaa 1000 murte
Manni Murtii Tarkii namicha mana shubbisaa tokko keessatti namoota 39 ajjeesetti hidhaa waggaa 1,000 mure.
Lammiin Uzbeekistaan Abdulqaadir Masharipoov jedhamu bara 2017 ture magaalaa guddoo Tarkii Istaanbuul keessatti meeshaa hidhatee mana shubbisaa tokko seenuun lubbuu namoota 39 kan galaafate.
Manni murtii biyyattiis nama kanatti hidhaa umrii guutuu kan qixxee namoota 40 itti mure.
Ajjeechaa kun barri 2017 seenuuf daqiiqaawwan muraasni yero hafutti kan raawwatame yommuu ta'u dhimmi kuni waggoota sadiif qoratamaa ture Wiixata kaleessaa murteen irratti kenname.
Haleellaa kana gareen Islaamiik Isteet jedhamu gaafatama isaa fudhatee ture.
Manni Murtii Mashariipoov irratti murtee dhumaa kan kenne ta'e ''jedhee nama ajjeesuu fi heera biyyaa cabsuun'' akka ta'e miidiyaan biyyattii Anadooluu jedhamu gabaaseera.
Namni kun namoota 79 ta'an irratti yaalii ajjeechaa yaaleera jedhamuuniis hidhaan waggaa 1,368 irratti murtaaheera.
Namootni kun kanneen haleellaa inni raawwate jalaa miidhaamanii garuu ammoo lubbuun oolaniidha.
Namni kan biraan Iliyaas Mamasaaripoov jedhamus ajjeechaa kanaaf karoora baasuun hidhaan waggaa 1,400 irratti murtaaheera.
Balaa kanaan lammiileen Israa'eel, Firaans, Tuniziyaa, Libaanoos, Indiyaa, Beeljiyeem, Joordaanfi Saawdii Arabiyaa lubbuu dhabaniiru.
Namni kun haleellaa erga raawwatee booda kan miliqe ta'uus torbee lama booda to'annoo jala ole.