Prosopagnosia: Artistii fuulli ishee maal akka fakkaatu hin beekne

Carlotta

Madda suuraa, CORSO Film

Maxxanfame

Kaarlotaan fuula addaan baasuu hin dandeessu, kan namoota biraas ta’e kan ofiishee. Dhibeen ishee kun ‘face blindness’ yookaan fuula namaa adda baasuu dadhabuu jedhama.

Fuula namaa adda baasuu dadhabuun jireenya ishee guyyaa guyyaa irratti dhibbaa uumuus, akka artistiitti garuu fuula hin beekne akka kaaftuuf kaayyoo kenneeraafi.

Kaarlotaan yeroo fakkii ofiishee kaaftuu daawwitii fi suuraa malee galgalaan, kutaa dukkanaa duungoo muuraasa qabu keessatti hojjatti.

“Yeroon fakkiin kaasee ifa guyyaan argu yeroo hunda na ajaa’iba,” jetti.

Mana ishee keessaa fakkiiwwaan ofiin of kaaste 1,000 ta’antu jira jettee yaaddi. Hundi isaayyuu adda adda ta’anis boci tokko tokko wal fakkaata.

Fakkii tokko tokko mataan ol galagala kaan gad galagalaadha. Tokko tokko irratti ija sadii qabdi kaan irratti ija ja’a qabdi.

Yoo tasa dawwitii kessatti of agartu , “dubartiin kun uffannaa galgalaa uffattee na ilaala jirti, ana ta’uu qabdi,” jettee yaaddi. Riifeensa ishee yaadattus, fuula ishee hin yaadattu.

Dhibeen Karlottaa namni biraa hubate jiraachuu baatuus, bara 1960’n keessa ijoollee taatee utuu jirtuu rakkoo uumuu eegale.

“Yeroo harmeekoo waliin gabaa ykn hospitaalaa deemne nama agarru, namoota harmeenkoo sirritti adda baastuu wal agarra, ani garuu eenyu akka isaan ta’an hin beeku,” jetti.

“Harmeenkoo nan aja’ibsiisadhan ture. Kennaa addaa namoota adda baasuu qabdi jedheen yaadan ture.''

Takka takkaa gabaa fuldura dhaabbatee Karlootaan yeroo harmeeshee eegdu nama biraa dogoggoraan hordooftee deemti ture. Kan isheen namni sun harmeeshee akka hin taane bartu yeroo daandii biraa ta’u akka baastudha. Harmeeshee maaliif akka doggogortee itti hin himtu, “qalbii gateeni jedheen yaadan ture,” jetti.

Kan isheen nama adda baaftu wantoota adda addaani. “Wayyaa namootni uffatan, akkaataa adeemsa isaanii, sagalee/qoonqoo isaanii, manatsirii fuulaa godhachuuf dhiisuu isaanii adda baasuun eegale. Namni hunda akkaataa hargansuu, adeemsaa adda ta’e qaba, kanaan namoota adda baasuu eegale.”

Dubartii bife ishe hinbeekne

Madda suuraa, COROSO Film

Karlotaaan yeroo mana baruumsaa galtedha waanti adda ta’e akka jiru kan barte. “Kennaa addaa harmeekoo qofaatu qaba jedhee kana yaadu ture ijoolleen kaanis akka qabanan adda baase.”

Fuula adda baasuun dandeetti addaadha jette waan yaaddeef ta’us ammallee Maatisheetti hin himne.

Mana baruumsaa keessatti barsiisotallee adda baasuu waan hin dandeenyeef haala cimaa keessa turte.

Wanta barsiisota ishee adda baasuu, areeda, daawiitii, kophee waan akka kanaa adda baaftee barreessuu eegalte, garuu barsiisaa kamtu amala gaarii qaba kan jedhu waan barreessiteef barsiisaan tokko aariif waan isheen barreeffate jalaa fudhate.

Yeroo boqonnaatti ijoolle kaanirra adda baatee tessuus, yeroo gara kutaatti deebi’uuf jedhan ijoollen yeroo hunda sarara adda addaarra waan dhabbataniif rakkoo itti uume.

“Takka takka dogoggoree hiriiree kutaa biraan seena. Yoo barattuun barattoota kutaa ishee hin beektu ta’e doofaadha jedhamti.”

Barsiisootni aariifi dheekkamsuun itti haasa’u.

“Kutaa fuldura na dhaabanii ‘ati sammuunkee qullaadha naan jedhu ykn ammoo ‘ati dhakaadha’ jedhanii nan arrabsu.”

Barattoonnis waan ishee arrabsaniif, nama hundarraa fagaachuu eegalte.

Manni barumsaashee Karlotaan dhibee sammuu waan qabduuf barachuu hin dandeessu jedhanii yaaduun, maatii ishee waamanii kutaa addaa akka ishee galchaniif gorsanin. Maatiin garuu barbaachisaa miti jechuun gorsa sana tuffatan.

Ganna 17tti yeroo barumsa obbaastetti, hojii nama waliin walitti ishee hin fidne barbaaduu jalqabde. Jalqaba hojii farda kunuunsuu eegaltee, boodarra abbootii fardaafii ijoollee isaanii adda baasuun waan itti cimeef hojicha dhiiste.

Hojii akka konkaalichistuufi simmintoo makuu erga hojjattee booda, gara hojii filmii agarsiisuu keessa seente. Kanas kan filatte namaa wajjiin walitti dhufuun waan isheerra hin jirreefi.

Waggaa 20’n ishee keessa akkuma hawwii namarraa fagaachuu qabduun bidiruu bitattee waggaa tokkoof Awustiraaliyyarra naanna’aa galaanarra jiraatte. Yeroo sanattis kitaaba dubbisaa nyaata ishee kiyyeefataa turte.

Hanga umurii ganna 40 dabartee gara magaalaa Munishitti deebiteetti dhibeen ishee maal akka ta’e hin barre ture. Kunis kan ta’e mana qorichaa deemtee barreessaan tokko bilisaan yeroo itti kennamedha.

“Callisee utumaan dubbisuu jecha 'prosopagnosia,'' jedhu yeroon argu adda waan natti ta’eef dubbisuu yeroon eegaluun waa’ee fuula adda baasu dadhabuu akka ta’en bare.

“Baayyee na aja’ibe, sababiin isaa wanta yeroo dheeraaf ba’aa natti ta’e ture narraa buuse. Wanta na rakkisaa ture kanaaf maqaan jiraachuu isaa : “Akkan doofaa hin taaneefi balleessakoo utuu hin taane uumama ta’uu isaa himuu akkan danda’u na taasise.”

Ta’us garuu jalqabarratti gammaddus boodarra aaritti deebite.

“Kanan aaree akkamiin namni na bira jiru dhibee koo kana adda baasuu dadhabee, namni kun rakkoo uumamaa ta’uu maaliif natti hin himne kan jedhu irratti,” jetti.

“Utuu dhibee kana qabaachuunkoo dafee barameera ta’e, jijjirama guddaa qabaata ture.”

Yeroo kanatti abbaafi haatii ishee, kan guddifachaan ishee fudhatan, lubbuun isaanii darbeera.

“Waanan amma bare utuun isaaniif qoode natti tola ture, rakkoo ani mana barumsaatti qabaachaa tureef deebii ta’a ture,” jetti.

Ta’us garuu harmee ishee deesse waliin waayee dhibee kanaa haasa’uu dandeesseetti. Dubartiin ishee deesse akka adaadaatti malee harmee ishee ta’uu yeroo dheeraaf hiin beektu ture.

Yeroo harmeeshee Susanitti himtu, isheenis badaa hamaa ta’uu baatuus fuula namaa adda baasuun akka isheetti cimu itti himte. ‘Prosopagnosia’ dhibee dhalootaan daddarbudha.

Dhibeen Prosopagnosia wal’aansa hin qabu. Dhibeen kun sammuun nama tokkoo fuula namaa argee hubatee akka yaadatu gochuu kan hambisudha.

“Namoota addaan hin baasu, sababiin isaan fuula isaanii waanan hin yaaddanneefi,“ jetti Karlotaan. “Ofiin of beeka gaaruu fuulakoo hin beeku.”