'Shaashamanneetti namoonni man-kuusaatti hidhaman seeratti hin dhiyaanne' - Jiraattota

Maxxanfame

Ajjeechaa weellisaa Hachaaluu Hundeessaa hordofee magaalota Oromiyaa hokkorri jabaan keessatti uumamee, lubbuun namaa akkasumas qabeenyi hedduun keessatti manca'e keessaa tokko Shaashamanneedha.

Hokkora kana hordofuun magaalatti keessatti namoonni hedduun kan hidhaman yoo ta'u, namoonni kunneen mana murtiitti dhiyaachaa akka hin jirre maatiin ni komatu.

Man-kuusaa, manneen barnoota fi galma walgahii keessattillee otoo hin hafiin jumlaan bakka tokkotti hidhamuu, reebamuu fi haala fayyaa isaanii gaaga'u keessa jiru jedhu maatiin BBC'f yaada kennan.

Abbaan Alangaa Waliigalaa Oromiyaa garuu, namni seeratti otoo hin dhiyeeffamne akkanumaan hidhamee jiru akka hin jirre hima.

"Akka kuntaalatti magazaanatti dachasaanii nama hidhu" jedhu jiraataan magaalaa Shaashamannee ijoolleen isaanii lama jalaa hidhaman Obbo Waaritee Dannaboo.

Ijoolleen isaanii lamaanuu mana duraan biiraan itti kuufamu keessatti hidhamani akka jiran himu namni kun.

Man-kuusaa kun akka isaan jedhanitti magaalattii ganda 05 keessatti kan argamu yoo ta'u namoonni achitti hidha jiran gara 600 ta'u jedhu maanguddoon kun.

Ilman isaanii gaafachuuf wayita achi deddeebi'anitti, namoonni dhukkubsatanii achii keessaa baafamanii mana yaalaa yoo geeffaman argeera kan jedhan manguddoon kun, nageenyi ijoollee isaani akka isaan yaaddeessu BBC'tti himan.

"Beeratu irbaata geessaaf isanumayyu ni daddarbatu" jedhanii akka sirnaan hin keessummeessinellee himatu.

Ijoolleen isaanii lachuu magaalicha keessatti erga qabamanii guyyoota 20 ta'us, dhaddacha mana murtiitti akka hin dhiyaanne himu.''Akkuma kuntaalaatti magaazanatti ol oofanii achi ciciisu, namni hidhame hin bahu'' jedhu.

Jiraataan magaalatti biroo maqaan isaa sodaa nageenyaaf akka hin dhahamne gaafate tokkos, obboleessi isaa umrii ganna 28 man-kuusaa keessatti hidhamee akka jiru BBC'tti hime.

Seeratti akka dhiyeeffamu gaafatanillee deebii sirrii akka hin argannee dubbata.

Obbolessi isaa hojii humnaa hojjate ijoolleesaa bulchaa akka ture himee, inni hidhamnaan maatiin ijoollee isaa wajjiin rakkataa akka jiran hima.

Ajjeechaa Hachaaluun hordofee magaalaa Shaashamanneetti humnoonni nageenya halkan manarra deemanii guranii namoota hidhu fi qeerroodha jedhaniis nama doorsisu jedha jiraataan magaalattii kun.

Abbaan Alangaa Waliigalaa Oromiyaa kan ta'an Obbo Daani'eel Asaffaa dhimma kanarratti deebii BBC'f kennaniin, Shaashamanneetti kanneen hidhaman warra hokkora keessatti qooda fudhatan ta'uu himu.

Namoonni to'annoo seeraa jala jiran heddumaachuurraa kan ka'e namni yeroo isaa eeggatee sa'aatii 48 keessatti mana murtiitti dhiyaachuu dhiisuu mala jedhan.

Haa ta'u malee "namni ji'a tokko darbe keessatti seeratti hin dhiyatiin hafe hin jiru" jedhu Obbo Daani'eel.

Namoota kuma torba ol to'annoo jala oolchan keessaa kuma sadii olirratti ragaan qabatamaan argameera, dhimmi isaaniis mana murtiin ilaalamaa jira jedhan.

Hokkora keessatti namoota jumlaan hidhanii qorachuun biyya biraattille baratamaa akka ta'eetti kan dubbatan Obbo Daani'eel, namoota qulqulluu, ragaan irratti hin argamne torbanoota muraasa keessatti gadhiifna jedhan.

Qabiinsaan wal qabatee komii maatiin kaasan ilaalchisee 'namni tokkoollee komii akkasii nutti hin dhiyeeffanne" jedhan.

"Magaalota fi aanaalee Oromiyaa hundarra deemee ilaalera" jechuun haala qabiinsaan wal qabatee rakkoon akka hin jirre himan.