Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mariin Hidha Haaromsaa adda cite torbee dhufu itti fufa jette Itoophiyaan
Mariin dhimma Hidha Haaromsaa Itoophiyaa taajjabdummaa Gamtaa Afriikaatiin Itoophiyaa, Sudaan fi Masrii gidduutti gaggeeffamaa turee addaan cite, torbee dhufurraa itti fufuu danda’a jedhan Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii.
Masrii fi Sudaan yaada Itoophiyaa mormuun iaanii haaraa miti kan jedhan Ambaasaaddar Diinaan, Itoophiyaan amma guutiinsa bishaanii waliigaltee malee raawwattee, dhimmoota itti aanan ammoo walii galteedhaan raawwachaa deemti jedhan.
Marii kana keessatti taajjabdummaan hirmaataa kan turte Ameerikaa waliinis Itoophiyaan hariiroo cimsuu barbaaddi jedhan Ambaasaaddar Diinaan, garuu yaada dhiibbaa nurratti uumu kamuu hin keessummeessinu jedhan.
Marii hidha haaromsaarratti ejjennoo raafamaa fi daddaaqamni yaadaa Sudaan fi Masriin agarsiisaa jiran kan nama nuffisiisuudha jedhan Ambasaaddar Diinaan.
Haa ta’u malee mariin kun dhimma abdii irraa kutatanii dhiisan miti kan jedhan Ambaasaaddar Diinaan, ammas taanaan yaada marii gama Sudaanii fi Masriin dhiyaateen Itoophiyaan mariitti deebi’uuf tole jetteetti jedhan.
Marii Wiixata dhufurraa itti fufu irratti, Itoophiyaan akkaataa bishaan itti guutamuu qaburratti qajeeltoo yaadaa qopheessite ni dhiyeessiti jedhan qondaalli kun.
Itoophiyaan akkaataa guutiinsa bishaanii irratti yaadashee dhiheessitus, garuu ammas gara fuulduraatti ga’een bishaanii akkam ta’uu qaba kan jedhurratti mariin ni barbaachisa jettee amanti jedhan.
Masriin biyyoota ollaa Itoophiyaatti fayyadamuun buufata waraanaa ijaarrachaa jirti oduu jedhurratti Ambaasaaddar Diinaan wayita yaada kennaniin, ’’Masriin biyya kamuu waliin hariiroo uumuun mirgasheeti" jedhan.
"Somaaliyaa, Somaalilaandi, Sudaan waliin. Hariiroo isaan uuman garuu Itoophiyaa balaaf kan saaxilu ta’uu hin qabu. Birmadummaaa fi nageenya Itoophiyaarratti kan qiyyaafate ta’uu hin qabu’’ jedhan.
Ambaasaaddar Diinaan dhimma balaa dhohiinsaa Beeruut fi rakkoo lammiilee Itoophiyaa mudaterrattis yaada kennaniiru.
Balaa kanaan lubbuun lammii Itoophiyaa tokkoo darbee sagal ammoo mada’aaniiru jedhan.
Kanneen miidhaan cimaa fi salphaan irra ga’e salgan isaaniiyyuu wal’aanamaa jiru jedhan Ambaasaaddar Diinaan.