Paarlaamaan Tarkii miidiyaa hawaasaa to'aachuuf wixinee qophaaye raggaase

Madda suuraa, Getty Images
Paarlaamaan Tarkii seeraa haaraa mootummaan miidiyaalee hawaasaa akka to'atu hayyamu raggaase. Gareeleen mirga namaaf falman ammoo kun mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu namaa danquu mala jedhu.
Seerri kun miidiyaaleen hawaasummaa Tarkii keessatti fayyadamtoota miiliyoona tokkoo ol qaban waajjira akka qabaatan akkasumas dhimmoota haqamuu qaban irratti waliigaluu qabu jedha.
Kaampaniiwwan kun kana gochuuf walii hin galan yoo ta'e adabbii maallaqaa fi saffisni interneetaa isaanii adda cita.Feesbuukii, Tiwiitarii fi YouTube seera haara kana ilaalchisee hanga ammatti yaada hin kennine.
Pireezidantiin Tarkii Raciip Tayiip Erdohaan yaada kan dura waayee miidiyaalee hawaasaa kenniin tureen ''safuu hin eegan'' jechuun ifatti miidiyaaleen kun akka to'ataman fedha qabaachuu isaanii beeksisaniiru.Wixineen seeraa kun kan qophaaye paartii biyya bulchu AKP jedhuufi dhaba biroo isa waliin qindoomee teessoo paarlaamaa guddaa qabu MHP jedhamaniin yoggaa ta'u roobii har'a raggaasifame
Yeroo darbe biyyattii keessatti haleellaan shororkeessummaa raawwatamuu hordofee biyyattiin namoota miidiyaalee hawaasaa fayyadaman irraa intarneeta adda kuttee turte.
Seeraa haaraa kanaan miidiyaaleen hawaasaa qajeelfama mootummaa hin fudhanne tajaajila intarneetaa gama bandwidth, hanga 95% irraa adda cituu danda'a. Kibxata kaleessaa oduun seera haaraa kana erga dhagaahamee duulli hashtag #SansurYasasinaDurDe (Say Stop to the Censorship Law) seera Saansuurii didaa duulli jedhu gaggeefamaa jira.
Biyyattii keeessatti Interneetni waltajjiiwwan namootni mootummaa qeeqan itti fayyadaman hedduuf ulaadha. Seerri haaraan kun ammoo wantootni maxxanfaman kan duriin caalatti akka saansuurii godhaman godha.
Amanistii Intarnaashinaal seera haaraa kana 'haleellaa rifaasisaa' jechuun balaaleffateera.
Qorataan Human Rights group damee Tarkii Andiriiw Gaardineer seerri intarneetaa kun gartuulee kanaan duras yaada fallaa mootummaa qabanii dhiibbaa hedduuf saaxilaman daranuu to'achuun saansuur gochuuf mootummaaf carraa kennaa jedheera.
Dubbii himaan waajira Pireezidantii Ibraahiim Kaliin seerri kun saansuur gochuu carraa bana jedhamuu haalaniiru.
Kaayyoon seera kanaa daldalaa fi seeraan miidiyaalee hawaasaa waliin hidhata uumuudha jedhan.













