Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayiras: Akkatti jireenyi biyya alaa lammiilee Gaanaatti fuula garagalfachaa jirtu
Nuti barreessitoonni, gaazexeessitoonni fi ministirri Gaanaa duraanii Eliizaabeet Oheenee biyya alaa jiraachuun yeroo koronaa kanatti akkatti geeddaramaa dhufe walitti fufinsaan xalayaa barreessineerra.
Takka takkaa qoosaa haa fakkaatuyyuu malee namni lammii Gaanaa tahe addunyaa mara irra faca'ee jira jedhama.
Giriinlaand, Ayilaand, Paappuwaa Niiw Giinii. Odola fagoo Faaro'e jedhamturra nama jiraatu hin dhageenye, yoon dhagahe garuu na hin dinqu.
Waggootan 20 darbaniif biyya keenyarraa kan imalaa turreef rakkoon akka baroota 1970 -1990 waan jiruuf otoo hin taane, bartee waan nutti tahee fi haala jireenya keenyaa akka sanaatti waan qarameefi.
Namoonni galii gidduugalaa qaban haadha warraa isaanii ulfaa biyyaa alaatti akka deessu ergu, ijoollee isaaniimmoo liqeeffataniitu yuunivarsiitii Ameerikaa fi UKtti barsiifatu.
Kaanimmoo biyyi kun kan dammaa fi aannaniiti jedhamnaan achi gahuuf wal-caccabsina.
Lammiilee Gaanaa hordofaman
Lammiileen Gaanaa hangam biyya alaa kana keessa akka jiraatan ragaan agarsiisu hin jiru, maal akka hojjetanis hin beekamu.
Kaan hojii fi jireenya isaaniin biyya isaanii Gaanaa yoo bonsan, kaan immoo biyya deemanitti seera qabeessa tahuuf waan yaalaa jiraniif lammummaa isaaniillee himachuu hin fedhan.
Dhokatanii jiraachuu barbaadu garuu akka jiran beekna. Hojii lamaa fi sadii dalaguun haadha isaaniif doolaara 100 ergu.
Fira biyya alaatii qabaachuun kabajadha, warreen biyya alaa jiraachuuf seera qabeessummaa argatan immoo yeroo boqonnaa ayyaanaaaf maatii isaanitti deebi'u.
Yeroo biyyatti deebi'anii ayyaanaaf qarshii facaasan akka isaan jireenya ulfaataa jiraatan namni beeku hin jiru. Dargaggoon kaan akka isaanii akkatti biyyaa miliqan barbaadu.
Gaafa koronaan dhufe hoo?
Dargaggoon dur biyyaa miliquuf harka sassaabbatee miila bargaanfatee qophaa'u akka durii Chaayinaa, Awurooppaa fi Eeshiyaa deemuun isa hawwachaa hin jiru. Inumaayyuu lammiillee Gaanaa biyyatti deebisuu taheera dubbiin, Gaanaan amma biyya hawwattuu taatee hin teenyee?
Lammiileen Gaanaa biyya alaa jiran sodaachuurra darbanii, sodaa isaanii ifatti mul'isaa jiru. ''Waan Ameerikaa fi Awurooppaa keessatti tahaa jiru akka biyya keenyatti tahu hin eeyyamiinaa,'' jechaati jiru.
Weerarrri kun hanguma jabaachaa adeeme, ''namni biyya alaa jiru carraa qabeessadha,'' yaadni jedhu geeddaramaa dhufe.
Kun gatii lammiileen Gaanaa 33 Niiw Yoork keessatti Covid-19n du'aniif miti. Silumaa lammiileen Gaanaa biyya alaa jiran faara biyyatti deebi'uu waan agarsiisaniifi.
Yeroo weerara kanaa waraqaa seera qabeessa tahe otoo hin argatiin hojii guyyuu hojjechuu dhabuurra darbee namoota dhukkubicha tamsaasaa jiran jedhamuun komatamuyyuu jalqaban.
Warri mana namaa kireessan namoota viizaa sirrii qabaniif malee jechuun didan. Hojiin daldalaa garaagaraa cufamnaan baasiin namootaa hir'ise, kunimmoo lammiileen oomishtoota turan barbaachisummaan isaanii gadi bu'uu itti agarsiise.
Jireenyi namoota biyya alaa jiranii yoo saaxilamu gadda akka qabu argine.
Dubartoonni hojii mana keessaaf qacaramanii biyyoota Arabaa deeman jireenya gadadoo Gaanaa keessatti illee fudhatama hin qabne dabarsan argine.
Biyya fooqii fi daandiin gurguddaa qaban keessattillee lammiileen keenyi Awurooppaa fi Ameerikaa keessatti lafa gad-bu'aa tokko keessa buluuf hin mijanne keessa buluuf dirqamaati jiru.
Koronaan hunda keenya wantoota akka itti ilaallu geeddaree jira. Namoonni biyyatti deebi'uu barbaadaniis daangaan jalaa cufamee jira.
Lammiileen Gaanaa biyya jiran imaltoota Awurooppaa fi Chaayinaatu dhukkubicha nutti fidee jedhanii amanu. Namooti baayyee akka galanis hin fedhan.
Gaanaa seenuun qaalii taheera, guyyoota 14f adda bahanii turuun barbaachisaa dha. Hoteelli keessa bulamu humnoota tikaan eegama. Biyya alaa jiraachuuf gojama'uun hafaa jira.
Ammaaf biyyi keessa jiraachuu qananii taatee Gaanaadha.
- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras