Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Israa’el 'haleellaa Hizboollaarraa aggaamame qoladheera' jette
Humni waraana Israa’el hidhattoota Hizbollaa daangaa biyyattii miliqanii seenuuf yaalaanirratti dhukaasa banee ofirraa qolachuu MM Israa’el Beenjamiin Neetanyaahuu himan.
‘’Hizboollaan ibiddaan taphachaa jiraachuu beeku qaba,’’ jedhan Neetanyaahuun.
Waraanni Israa’eel akka ibsetti, loltoonni afur daangaa karaa gaara Goolan irraan seenuuf yaalaa turan.
Hizbollaan garuu walitti bu’iinsa kamiyyuu keessatti akka hin hirmaannee ibsuun, diina dafee dheekkamutu kana raawwate jechuun haaleera.
Ta’ii kana booda Israa’el haleellaa xiyyaarota waraanaatiin Siriyaa keessatti raawwachuun shakkamuun loltuu hidhattoota Izbollaa tokko ajjeefte.
Israa’el garuu, namni kun ajjeefamuuf dhiisuus hin ibsine, haleellaa xiyyaaraas raawwachuu hin haalle, garuu hidhattoonni Hizboollaa haaloo bahiinsaaf akka hin muddamne akeekkachiifte.
Haalli nageenyaa naannichaa sana boodatti guyyoota muraasaaf muddama keessa seene.
Humni waraana biyyatti ‘’shororkeessitoonni erga rukutamanii booda gara Libanoonitti baqataniiru,’’ jedhee Wiixata ibse.
Ministirri Muummee Israa’el Beenjamiin Neetanyaahuu '‘daangaa biyya keenyaa cabsanii seenu kana akka qoosaatti kan ilaalluu miti,'' jedhani.
Itti dabaluunis, haleellaa Libaanoonirraa biyyaasaaniirratti raawwatamuuf Hizboollaattu itti gaafatamaa jedhan.
Midiyaaleen biyyattii madda waraana biyyatti heeruudhaan akka gabaasaniitti, hidhattoonni Hizboollaa humna waraanaa Israa’el haleeluuf karoorsee ture.
Gabaasichi akka himutti, waraanni Israa’el hidhattoota Libanoonirraa daangaa qaxxamuran adda baasee dhukaasa irratti bane. Gama Libaanoon irraa namni miidhame jiraachuun garuu hin gabaafamne.
Hidhattoota Hizbollaa garuu diinummaa Israa’el wajjiin kan qabdu Iraanitu maallaqa fi hidhannoon deeggara.
Hidhattoonni kun waraana Libanoon keessatti gartuu hidhannoo fi humna cimaa qabaniidha. Israa’el fi gartuun hidhattoota Hizboollaa bara 2006 ji’ootaaf walwaraanaa erga turanii waliisaaniif diina.
Bara sanatti hidhattoonni kun loltoota Israa’el saddeet daangaarratti butanii ajjeesuu isaanii hordofee walwaraansi cimaan giddu isaanitti dhalatee ture.
Walwaraansa kana keessatti gama Libanoon namoonni 1,191 du’aaniru. Namoota kana keessaa harki caalaan isaanii namoota nagaati.
Waraana bara 2006 kanaan loltoonni Israa’el 121 fi namoonni nagaan 44 du’uu isaaniitu yaadatama.