Anga'oonni Gaazaa sadii boombii ofwareegdonni kiyyeessaniin ajjeefaman

Maxxanfame

Of wareegdotni hidhattoota IS waliin hidhata qaban jedhaman buufata sakatta'iinsaa Gaazaa lama haleeluun anga'oota tikaa Paalestaayiin sadii ajjeesuu himame.

Haleellichi tibbana erga naannoo sana to'ata kan jiru Haamaas hidhattoota IS wajjin hidhata qabaniirratti sakatta'insa gaggeesseen as fudhatamedha.

Kibxata kaleessaa Ofwareegaan qabamee ture tokko haleellaa raawwachuu maddeen tika BBCtti himaniiru.

Haleellaan kun erga humna hidhatanii qopha'aanirratti raawwatame booda labsiin yeroo muddamaa labsameera.

Anga'oonni poolisii 3 wayita ajjeeffaman, lammiin Paalestaayiin kan biraas dhuka'aa boombii jalqabaatiin madaa'e. Iddoo sakatta'iinsaa buufata poolisii bira darbaa wayita turettidha haleelamuun namtichi kan mada'e.

Boombii lammaaffaan garaa gararummaa sa'aati tokko hin caalle keessatti qondaala tokko ajjeesuun buuufata sakatta'iinsa birattis namoota hedduu madeessuu Ministeerri dhimma biyya keessaa Hamaas himeera.

Daandii gurguddoorratti humnootni tika biyyatti hidhatan dhibbaan lakkaa'aman haleellaa kana hordofuun Ulaa Gaazaatti bobbaafamaniiiru.

Hamaas finxaaleyyii hidhattoota Islaamistoota akka IS wajjin hidhata qabaniirraa mormiin itti fufinsa qabdu dhiyeenyatti mudachaanii jira.

Hamaas walwaraansa bara 2007 tureen Gaazaa bulchiinsa prezedantii Paalestaayiin Mohaamud Abbaas irraa fudhachuusaatu yaadama.