Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayiras Indiyaa: Namoonni wirtuu Covid-19 Deelhitti argamutti shamarree ganna 14 qoccolan himataman
Indiyaa magaalaa Deelhitti shamarreen ganna 14 wirtuu Covid-19 keessa turte dhukkubsataa wirtichi keessa jiru biraatiin qoccollaan irra gahe.
Daragaggeessi miidhaa irraan gahe ganna 19 fi namni biraa taatee kana waraabe to'annaa jala oolfamuusaanii poolisiin guyyaa Kamisaa ibseera.
Isaan sadiinuu koronaavaayirasiidhaan qabamanii mallattoo giddu galeessa kan mul'isan yoo ta'u, wirtuu Covid-19 Indiyaa isa guddichaa kan siree 10,000 qabu keessatti adda baafamanii tursiifamaa jiru.
Oduun shamarree Adoolessa 15 qoccolamte tanaa amma ifa godhame.
Poolisiin gaazexaa The Indian Express jedhamutti akka himtetti namoota lamaan kanneen irratti himannaan banamuusaa ibseera.
"Himatamtoonni to'annaa jala oolfamanii himannaan irratti banameera. Ta'us garuu hamma Covid-19 irraa bayyanatanitti wiirtuu adda baafamanii jiran keessa turu," jedhan qondaalli mootummaa Parvinder Singh.
Akka gabaasa miidiyaa biyya keessaatti qoccollaan kun mana fincaanii keessatti kan raawwateedha.
Eega shamarreen yakka kana miseensota maatii isheetti himte booda dhimmichi qondaaltota wirtichaatiif gabaafameera.
Wirtuun kunis namoota mallattoo Covid-19 giddu galeessa qaban yookiin mallattoo hin agarsiifne ta'us garuu, namoota mana dhuunfaasaanitti adda of baasuu hin dandeenyeef kan qophaa'edha. Wirtuun kunis wirtuu Covid-19 addunyaarraa isa guddaadha jedhameera.
Taateen akkanaa wirtuu Covid-19 keessatti yoo mudatu inni kun kan jalqabaa miti.
Indiyaa keessatti namoonni miiliyoona 1.3 koronaavaayirasiidhaan qabamaniiru. Biyyattiinis lakkoofsa kanaan addunyaarraa biyya namoota koronaavaayirasiin qabaman miiliyoona 1.3 qabaachuun sadarkaa sadaffaarratti argamti.
Ameerikaa fi Biraaziil wal duraa duubaan namoota koronaavaayirasiidhaan qabaman miiliyoona 4.1 fi miiliyoona 2.2 qabaachuun tokkoffaa fi lammaffaarratti argamu.
Addunyaarratti lakkoofsi namoota Covid-19n qabamanii miiliyoona 16tti siquusaa ragaan Yuunivarsiitii Joon Hoopkiinsi ni mul'isa.
- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras