Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hambaan mormisiisaa Haagiyaa Soofiyaa solaata Jum’aaf waggaa 86 booda baname
Hagiyaa Sophiyaan jalqabarratti bataskaana Ortodooksii beekamaa addunyaa yeroos Konistaantinoppil kan amma Istaanbul jedhamu keessatti jaarraa 6ffaa keessatti ijaarame.
Erga Turkoonni Konistaantinoppil 1453'tti to'atan booda garuu kaatediraalichi masjiidatti jijjiirame.
Boodarra bara 1934'tti pirezidantiin Turkii yeroosii Kamaal Ataaturk gamoo walabaa gochuun waggaa tokko booda muuziyeemii ta'e.
Barana immoo Manni Murtii Turkii masjiidatti akka deebi'u murteessuu isaa hordofee, waggaa 86 booda yeroo jalqabaaf guyyaa har'aa hordoftoonni Islaamaa sagada Jimaataa yookiin Jum'aa keessatti sagadaniiru
Hagiyaa Soofiyaan hambaalee addunyaa guguddoo keessaa bakka guddaa kan qabu yoo ta’u, musliimonni gammadanii hundi keenya Jum’aa achitti salaatuu feena jedhaniiru jedhu kantiibaan Istaanbuul Yarliikaayaa Alii.
Komii ka'e
Hambaa kana masjiidatti jijjiiruuf murtaa’uunsaa addunyaarratti komii guddaa kaaaseera, kunis kan ta’e yeroo Baayizaantaayinittti bataskaana guddaa addunyaa ta’uun kan ijaarame ta’uusaatiini.
Har’aa kaasees namoonni 1000 masjiida sanatti salaatuu danda’u jedhamera. Pirezidantiin Turki Xaayib Erdoohaan jama’aa achitti argamu keessaa tokko ta’u jedhamee eegama.
Wayita Erdoohaan oduu hambaan kun masjiidatti jijjiiramuu himanitti warreen gammadan akkuma heddummaatan, kan gaddanis hin dhabamne.
Phaaphaasiin Kaatoolikii Pooppi Firaansiis ‘‘Istaanbuuliif nan kadhadha, Saantaa Soofiyaa yeroon yaadu keesikoo gaddaan miidhama’’ jedhani. Bataskaanonni Ortodooksii Bahaas murtee kanaan gadduu isaanii hin dhiksine.
Paatriyaarki Bartoloomee akka jedhanitti, hambaan kun masjiida ta’uusaatti qalbii Ortodoksoota hedduutu cabe jedhani. Batskaanota 350 kan hammatu gumiin bataskaanota idil addunyaas murteen kun akka kaafamuuf iyyateera. Murtichi tokkummaa osoo hin taane adda ba’uu kan jajjabeessudha jechuun.
Erdoohaan garuu, nuti biyya walaba dha, murteen kunis walabummaa keenya mirkaneessa jedhani. Fakkiiwwan Qulqulluu Maaramii fi kan kiraastaanummaa biroos eegamanii akka turan mirkaneessaniiru.
Fedha abbaan manichaa masgiida akka ta’uuf qabu turetu waggoota 84 booda dhugoome, kiristaanotaafi warreen daawwannaaf dhufaniif wagga guutuu banaa ta’as jedhanii haasaa isaaniitiin.